Kalee akkuma meeshaa bittaa fi gurgurtaaf dhiyeessuu qabnaa?

Kalee

Akkuma addunyaatti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman nama kalee isaaniif arjoomu osoo eeganuu lubbuun isaanii dabarti. Namoonni fayyaalessi kaleesaanii namoota dhukkusatanitti gurgurachuu qabu?

Dr Firaank Dor Inglilaanditti hakiima kalee wallaanuuti. ‘’Ilmi namaa kalee lama kotoree fakkaataniifi lafee cinaachaa duubatti argaman qaba,’’ jedhu.

Dalagaan kalees waan balfaa dhiiga keenya keessaa calaluun bifa fincaaniin akka bahu taasisa jedhan.

Kaleen keenyi qaama keenyaaf baayyee barbaachisaa dha, yoo hojii dhaaban balfa qaama keenya keessatti kuusna jechuu dha jedhu.

Namoonni Kaleen isaanii hojjechuu dhaabe,mala wal’aansaa daayaaliisis jedhamuun maashiniin deeggaramuun dhiiga isaanii keessaa balfa qulqulleessuun lubbuu isaanii tursuun danda’ama.

Akka Dr Firaank jedhanitti, ‘’namni daayaaliisis fudhataa jiru hamma namoota kaansarii qabanillee yeroo dheeraa jiraachuu dhiisuu mala.’’

‘’Yeroo jalqabaaf kalee nama biraa isa dhukkubsateef dhaabuun bara 1954 raawwate,yeroo amma baay’inaan kan hojjetamaa jiru yoo tahu milkaa’innisaas sadarkaa olaanaan guddateera,’’ jedhu.

‘’Kalee nama dhukkubsatuuf dhaabamu kunis kan namoota du’anirraa argamu dha.’’

Viikii Kaaldwell, ‘Open Univesity’tti’ barsiistuu fi kutaa qaama ofii arjoomuu irratti duula geggeessiti. ‘’Inatlli koo balaan konkolaataa yeroo irra gahe akka irraan hafne beekna ture.

Isheen garuu yoo lubbuushee darbe kutaa qaama ishee nama kaaniif akka arjoomnu nutti himte,’’ jetti.

‘’Gaafa du’aan boqotte lubbuu namoota afurii baraarte,’’ kunis waan gaarii gadda namaa keessaa argame dha,’’ jetti haati kuni.

UK keessatti hamma kalee arjoomaan argamuufi lakkoofsi namoota kalee barbaadanii wal-hin gitu.

Dhukkubsattoota wal’aansa kana eeggatan 3500 keessaa harki 30 warreen waggaa lamaa oliif eeganidha. Kudhan keessaa tokko immoo kaleen haaraa otoo hin dhaabamiifin lubbuun isaanii darba.

Ameerikaatti immoo garaagarummaa daqiiqaa sagalitti namni haaraa kalee dhaabsifachuuf galmaa’a.

Saalii Saateel nama kalee arjoomaan argatte yoo taatu, ‘’bara 2006tti yeroon fayyumm koo ilaalamuu hospitaala deeme, naguman ture. Qorannoon dhiigaa an taasise garuu kaleen koo haala gaariirra akka hin jirre agarsiisa,’’ jetti.

Kanaaf furmaatni wal’aansa daayaaliisiis gochuu yookiin nama kalee arjoomu argachuu dha jetti.

Nama du’eerraa kalee argachuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf, nama lubbuun jiru irraa kalee argachuuf yaaluutu irra filatama.

Dr Firaank, namoonni baayyeen lubbuun otoo jiranii kalee arjoomuu akka danda’an hin beekan jedhu.

‘’Kalee tokkoon jiraachuun umrii nama tokko gabaabsuufi jireenya fayyaalessa namaatti bu’uus hin malu,’’ jedhan.

Nama isa kalee dhaabsiftuuf immoo inumaayyuu gaarii dha. Sababiinsaas kaleen kuni nama fayyaarraa waan argameef isa nama du’eerraa argamurra harka lama qaam nama kalee dhaabsifatu keessa nagaan tura jedhu hakiimichi.

Haa tahu malee Ameerikaa fi UK keessatti dhimma kalee nama fayyaarraa fudhachuu irratti seerri jabaa jira.

Kaleen arjoomaa maatii, hiriyaa ykn nama hin beekamnerraa argamuu danda’a garuu kennaan kuni ‘gaarummaa’ abbichaarratti hundaa’a.

Saaliin carraa-qabeettii akka taate dubbatti sabiibnsaas,’’yeroon ani dhukkubsadhe namoonni lama kalee isaanii naa kennuuf eeyyamamoo turan, kanaafis jecha galataa hin qabu’’ jetti.

Istiivan Pinkar, ogeessa xiin-sammuu yoo tahan,’’namni kamiyyuu kaleen lama isa hin barbaachisu. Kan tokko dhabanii rakkatan garuu baayyetu jiru,’’ jedhu.

Saaliin erga kalee nama biraa irraa argatteen booda dhimma kalee qarshiin osoo hin taane ‘gosa gosaan’(in kind) gurguruu irratti hubannoo kenniti.

Kunis jetti, ‘’qarshii osoo hin taane, fakkeenyaaf liqaa namaa dhiisuu, baasii mana barumsaaf danda’uu ykn herrega baankii soorumaa keessatti maallaqa kaa’uun kalee argachuun danda’amuu qaba,’’

Istiivan, ’’ani dhukkubsataa kaleen koo hojii dhaabe otoon taheefi beenyaa kennee kalee argachuu yoon danda’e filannoo kana bira waanin darbu miti,’’ jedhu.

Tahus gabaa kalee banuun garuu ammallee dhimma falmisiisaa akkuma tahetti itti fufeera.

Seera amma jiruun kalee bifa kamiiniyyuu gurguruun hin danda’amu. Kanaaf kaleen gaarummaa namootaan qofa waan argamuu dha jedhu Dr Firaank.

Akka Viikiin jettutti, ‘’namoonni kalee isaanii gurguruu barbaadan sooreyyii otoo hin taane warreen harka qalleeyyii dha. Isaan immoo haala jireenyaa isaaniirraan kan ka’e booda maaltu akka isanirra gahu hin beeknu,’’

Ammallee kaleen seeraan ala daldalaaf oolaa jira.Warreen tuuristoota kalee jedhaman Paakistaaniifi Fiiliippins deemuun seeraan ala kalee bitu.

Chaayinaatti hidhamtootarraa kaleen ni guurama gabaasni jedhu jira. Tarkiittis baqattoonni Siiriyaa warreen kiyyoo kana keessa seenan keessaati.

Saaliin,’’nama kalee si kennuun wareegama sii kaffale beenyaa yoo kenniteefi kalee gabaa seeraan alaarratti gurguramu hambisuun danda’ama,’’ jetti.

Hamma yoonaa biyyi kalee gurguruu eeyyamte Iraan qofa dha.

‘’Ajoomtonni, kalee laataniif qarshii ‘kennaa’ akka beenyaatti erga argachuu jalqabnii booda lakkoofsi dhukkubsattoota kaleen akka isaaniif dhaabamuu eegan hir’iseera,’’

Tahus namoonni kalee isaanii arjooman kanneen harka-qalleeyyii jedhamani dha.

Dr Firaank yaada kalee argachuuf beenyaa kaffaluu guutummaan guututti mormuu baatanillee,’’akka daldala hin taane sodaa qaba,’’ jedhu.

‘’Namoota kalee arjoomais hir’isuu mala jedhu, sababiinsaas namni tokko kaleensaa hojjechuu yoo dhaabe, dhaqii bitadhu jedhamuu danda’a,’’ jechuun yaaddoo isaanii ibsu.

Gama biraan garuu gara fuulduraatti kalee argachuun rakkoo tahuu dhiisuu mala.

Dr Firaank saayintistoonni kalee laaboraaatorii keessatti tolchuu danda’aa jiru, kalee booyyee fooyyefame faatu hojiirra ooluufi jira, kunimmoo jijjiirama guddaa dha jedhan.

Tahus furmaatni gara fuulduraa warreen amma kaleen isaanii hojii dhaabe gargaaruu hin danda’u.

Istiiv dhimma kalee beenyaadhaan kennuu kana kan sodaannuuf akkuma daldala saal-quunnamtii, safuu waliin waan waliiti hiinuufi jedhu.

Viikiin immoo kalee arjoomaan namoota dua’anirraa argamu baay’isuu qabna jechuun furmaata kenniti.

Dr Firaank gama isaaniin kalee beenyaadhaanis yoo arganne maallaqni otoo keessa hin seeniin waan fiixaan bahu miti jechuun yaaddoo isaanii ibsu.

Saaliin garuu seera gurgurtaa kalee dhorku otoo geeddarree jetti garuummoo namni hunduu arjoomuu otoo danda’ee yaada jedhu qabdi. Nama mana gubachaa jiru keessaa hamma baraaruuti jechuun amanti.