Qorataa diinagdee dhukkubsattoonni kalee haaraa akka argatan gargaare

Madda suuraa, Getty Images
Namootni waggoota muraasa keessa kaleen isaanii dhukkubsatee kaleen haaraa isaan barbaachise carraan argachuu isaan haala adda taheen dabaleera, sababii isaa qorataa Diinagdee Ameerikaa Alviin Root jedhamudha.
Root arjooma kalee addunyaa irratti taasifamu yaad-rimee saayinsii diingdee fayyadamuudhaan akka addaatti jijjiire.
Akkasaaf otoo hin taane silaa namoonni kalee haaraa argatanii fayyuu malan yoona dhukkubaan gidirfamaa, kalee isaa wal'aansisuuf rakkachaa jiru ykn du'aniiru ture.
Kalee namaa kaaniif arjoomuun kutaa qaamaa kaan arjoomuurra adda, sababiinsaa namni kalee lama waan qabuuf qofa osoo hin taane tokkoon jiraachuu waan danda'uufidhas.
Nama jaalattaniif kalee keessan isa tokko kennuun du'arraa hanbisuu dandeessu, rakkoonsaa garuu yeroo baayyee gosti kalee wal-fakkaachuu dhabuudha.
Piroofeesar Root yaada kana osoo hin burqisiisiin dura kalee haaraa argachuuf namni tokko du'uu qaba yookiin immoo nama kalee tokkoon jiraachuu danda'u argachuun dirqama.
Yaadnisaa ''Kidney exchange'' jedhama. Fakkeenyaaf, namni tokko isa kaaniif kalee kennuu dhufee kaleen isaa isa kennamuuf waliin wal-fakkaachuu yoo dide isa kansaa fakkaatuuf kennee, namni inni kaan kan isaa fakkaatu qabu immoo fudhata jechuudha.
Kanaaf namoonni kalee kennuu barbaadan garuummoo nam kennaniif waliin fakkaachuufi dide isa kansaanii fakkaatuuuf kennaniitu, namni isaan kennuufii barbaadanis akkasuma argata jechuudha.
Kanaaf immo kaleewwaan hanga torbaatamaa tahan namoota kalee barbaadan waliin geeddaruun danda'ameera.

Madda suuraa, Nobel
Yaadnisaaa kunis Rootiin badhaasa Noobeelii Ikoonomiskii akka argatu isa taasiseera.
Gurgurtaa kalee?
Prof Root fuulduratti namoonni kalee isaaniif kaffaltiin kennamuufi ni qabaata jedha.
Namoonni qarshiidhaan kalee isaanii gurguran fuulduratti akka gootaatti ilaalamuu dandaa'u jedha.
Mootumaan kalee walitti qabeetu akka barbaachisummaa isaaniitti tamsaasa jedha. Kanaaf, kaleen nama qabeenya qabuuf osoo hin taane namoota arajooman irratti murtaa'a jechuudha.
Qaama namaa qarshiidhaan jijjiiruun garuu ammallee gaaffii naamusaa ni kaasa- ogeessoti fayyaas tahe kaan kana ni mormu.
Sagantaa yaalii baasii kalee arjoomuu yookiin wal-geeddaruu kaffaluun biyyoota guddataa jiraniifi guddatan jidduutti akka taasifamu yaadame Dhaabbata Fayyaa Addunyyaa(WHO) deeggarsa hin arganne.
Prof Root, sababii hojimaata dhaabotaan namoonni du'uun qaaniidha jedheera.

Madda suuraa, Getty Images













