Fayyaa: Hakiimonni Hindii qaama dhukkubsataa keessaa kalee kg 7.4 baasan

Hakiimonni osoo wal'aansa baqaqsanii hodhuu taasisanii

Madda suuraa, Getty Images

Hakiimonni Hindii kalee kiloogiraama 7.4 ulfaatu qaama dhukkubsataa keessaa baasan - kalee hanga daa'ima reefu dhalatuu gahu jechuu dha.

Kaleen hanga kanaa gahu qaama dhukkubsataa keessaa yoo bahu Hindiitti kuni isa jalqabaati- silaa kaleen namaa yeroo baaayyee giraama 120-150 ulfaata.

Dhukkubsatichi dhibee Autosomal Dominant Polycystic jedhamuun rakkachaa turee haalli kunimmoo kaleensaa waan akka qalqalloo xiqqoo akka biqilchu isa taasiseera.

Hakiimni wal'aansa kana irratti hirmaate ''namoonni dhukkuba kanaan qabaman yeroo baayyee kalee guddaa ni qabaatu,'' jedheera.

Gama biraan Dr Sachin Kathuria, hospitaala Gaangaa Raam, Delhii irraa immoo kaleen namaa yoo dhiige yookiin infeekshiniin yoo qabate malee qaama keessaa hin baafamu jedhaniiru.

''Dhukkubsataan kuni infeekshinii cimaa taheefi qoricha hin fudhannetu isa qabatee ture, kaleen isaa guddaa tahuun immoo hargansuu isa dhorkee gatii tureef, keessaa baasuun alatti filannoo hin qabnu ture,'' jedhan.

Dr Kathurianis hakiimonni kalee guddaa baasuu akka danda'an yaadaniiru garuu hanga kanaa ga'uun isaa garuu ammyyuu isaan dinqaa jira.

''Kaleen isaa inni kaan immo kanarra guddata'' jechuun BBCtti himan.

Kaleen guddaan Guinness World Records irratti galmeefamee jiru kg4.5 ulfata. Haa tahu malee kaleen kg9 ulfaatu Ameerikaattiifi kg8.7 kan ulfaatu immoo Neezarlaanditti argamaniiru.

Dr Kathuria, waan kana hakiimonni Guinness World Recordstti gabaasuuf yaadaniiru garuu hin murteessine jedhaniiru.

Akka masariitii NHS dhukkubni kalee kan dhalootaan kan daddarbu yoo tahu, namoota umuriin isaanii 30-60 dhukkubichaa qabamuuf carraa guddaa qaba.

Dhukkubni kuni sadarkaa dhumaarra yoo gahu kaleen ciraadhumasaa hojii akka dhaabu taasisa.