Kolu-galtuummaan kan jiraatu lammiin Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti wallaansa dhorkamte

Alem Ereselo sits on a bed after her dialysis was cut

Madda suuraa, Alem Ereselo

Ibsa waa'ee suuraa, Abukaatoon Alam erga wallaansishee torban lamaan dura addaan cite ''daran dadhabaa jirti''.

Afrikaa Kibbaatti dubartiin Itoophiyaa wallaansafayyaa lubbuushee oolchuu, sababa gaaffii koolugaltummaa isheetiin dhorkamuu himte.

Dubartiin maqaanshee Alam Erseeloo jedhamu, dhukkuba kaleen yaalii kalee dhiiquu 'dialysis' argachaa turte. Ji'a dabre keessa manni murtii, murtoo dabarseen wallaansishee addaan citeera.

Abukaatoon dubartii kanaas murtoo kanaan ''murtoo ajjeechaati,'' jetteetti.

Doktoroonni Alamiif yaalii gochaa turan, wallaansa isheef gochaa turan sababa kolugaltummaan addaan kutuuf akka jiran itti himanii turan.

Haatahu malee manni murtii olaanaa biyyattii sababni addaan cituu wallaansaa ''kana qofa miti'' jedheera.

Akkamiin jalqabe?

Jalqaba bara kanaarratti kaleen Aadde Alam hojii dhaaban. Achiis kaleen biraa argamee haga bakka buufamuuf, wallaansi 'dialysis' ishee barbaachise.

Akka abukaatoon Alam jettutti, dubartiin ganna 36 kun, Hospitaala Johaanisbergitti wallaansa argachaa turte.

Wallaansi kunis dhiiga keessaa summiiwwanii fi dhangalaa'oo hin barbaachifne baasuudha.

Ji'a Eebla keessa xalayaan wallaansi ishee akka addaan citu ibsu qaqqabeen.

Murtoo kanaaf sababoota hospitaalichaan dhiyaatan keessaa, ''Ati lammii Afrikaa Kibbaa miti. Waraqaa baqattummaa kee mullisus tahe, lammummaa kee mullisu hinqabdu,'' sababa jedhu jala muran.

Xalayaa BBC'n argeen, sababoonni biroos eeramaniiru.

Inni tokko akkas jedha: ''Wallaansa kanaaf iddoo murtaa'etu jira. Lakkoofsi lammiilee biyyattii 'dialysis' barbaadanis dabalaa jira''.

Dhimmi koolugaltummaa gaafachuu dialysis'n akkamiin walqabata?

Alam Erseloo

Madda suuraa, DAWIT

Lammiin Itoophiyaa Alam waggoota sagaliif Afriikaa Kibbaa jiraatte. Garuu koolugaltummaa biyyattii keessatti argachuuf iyyattee murtoo eeggataa turte.

Abukaatoon ishee Jeesikaa Laawuraansi BBC tti akka himtetti, imaammata Afrikaan Kibbaa baqattoota koolugaltummaa gaafataniirratti qabdurratti hundaa'uun, walaansa diyaalisis addaan citu hin qabne akka hin arganne dhorkamte.

Wal'aansa yeroo muddamaa akka hin taanetti waan ilaalamuufi jetti.

''Wal'aansa diyaalisisii kan addaan kutan sababii imaammatni dameen fayyaa, namni koolugaltummaa gaafatu mirga seeraan wal'aansa diyaalisisii hin qabu.

Kaleen biraa akka bakka buufamuuf barbaaddi garuu, koolugaltummaa namoonni gaafatan ministeerichi otoo hin eeyyamiin, kalee bakka buufachuus hin danda'an,'' jette.

Galmee himannaa ji'a darbe mana murtii olaanaa biyyattii qaqqabe tokkorratti, hospitaalli lammilee Afrikaa Kibbaa ykn jiraattoota biyyatti keessa turan qofaaf wal'aansi kennama.

Sababii hanqina leeccalloon (qabeenyaatiif) namoota kaan tajaajiluu akka hin dandeenye midiyaaleen biyyatti gabaasan.

Doktoriin biyyattii tokko 'wal'aansi kun gatiin isaa qaaliidha,'' erga jedheen booda, dhukkubsattoota lammiilee biyyattii mirga qaban iddoo itti tajaajilan gahaa argatan akka hin qabne hime.

Abbaan seeraa koolugatummaa baqattoonni gaafatan wal'aansa dhorkachuun yakka miti jedhe, sababiinsaas ''Lammiilee Afrikaa Kibbaa hanqina qabeenyatiin walaansa kana hin arganne heddutu jira,'' jedhan.

Lammii biyya biraa waan taateef miti wal'aansa kana kan dhabdeefi jedhe abbaan seera kuni.

Doktoronni ''dhiyeessi mi'a barbaachisu hin qabani deeggaruuf garuu yaalaniiru. Namoota wal'aansa gatii qaalii kana argachuuf dabaree eeggatan baayyetu jira.''

Haa ta'u malee Jesikaan akka jettutti, Alam koolugaltummaa waan barbaadduuf qofa kan raawwatameedha jette.

''Nama wal'aansa kalee bakka buusuu hin arganneerratti qabeenya qisaasessuun barbaachisaa miti jedhan. Isheen wal'aansa kalee baqaqsanii yaaluun bakka buusuu kan hin arganneef, dhimma baqattuummaan walqabutuufi,'' jettee falmite.

Hospitaalichi dhimmashirratti odeeffannoo kennu dide.

Maaltu falaree?

Akka jecha abukaatoo kanaatti, Alam erga wallaansishee torban lamaan dura addaan cite ''daran dadhabaa jirti''.

Hiriyaa Alam ka taate Hannaa Abedoo akka BBC News Day'tti himtetti ''haala gaariirra hinjirtu''.

''Abbaan murtii waraqaa barbaachisoo waan hin qabneef jedheera... Doktorichi akka wallaanuuf hedduu kadhanne. Garuu hin dide, nu haasofsiisuullee hin barbaanne.

Ishee wajjin gara hospitaalaa yeroo hedduu waliin dhaqneerra. Doktorichi gara manaa gali jechaanii ture,'' jette Hannaan.

Amma gareen seeraa Alam dhuunfaan haala wallaansa kana akka argachuu dandeessuuf, maallaqa walitti guuraa jiru.

Kana malees gama seeraan falmuufi sadarkaa ministeeraatti kaleen haaraa akka bakka buufamuuf heeyyamsiisuuf qophaa'aa jiru.