Baqattuun Somaalee Mineesotaaf miseensa Kongireesii US'f filatamte

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo walakkeessaa Amerikaa bara 2018 kana mana maree bakka bu'oota Diimokiraatonni olaantummaa argatanii jiru, pireezidant Donaald Tiraampif naasuu guddaadha.
Warri Diimokiraat waggaa 8 booda yeroo duraatiif mana maree kana keessatti olaantummaa deebifatan. Kunis ajandaawwan pireezidant Tiraamp dura dhaabbachuuf isaan gargaara.
Ta'uus paartiin pireezidant Tiraamp, Riippabliikan olaantummaa mana maree senaatarootaa keessatti qabu eegsifatee jira.
Kanaanis "milkaa'ina guddaadha, hundi keessan galatoomaa" jechuun twitter irratti erga dabarsanii jiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Pireezidant Tiraamp hanga bara 2020tti aangoorra kan turu taatullee, filannoon kaleessaa akka riifarandamii isarratti gaggeeffameetti ilaalamaa ture.

Madda suuraa, Stephen Maturen
Yeroo tokko baqattuu Somaaliyaarraa kan taate Aadde Ilhaan Omaar, paartii Dimokiraatotaa bakka bu'uudhaan Bakka Bu'oota Uummataa US keessatti filatamte.
Aadde Ilhaan yeroo ammaa ganna 36 yommuu taatu yeroo ijoollummaa ishee ture kan gara US'tti baqatte.
Bakka bu'aa warra paartii Rippabilikaanotaa kan ta'e Jeniifer Ziiliniskiin mo'attee Mineessotaa bakka bu'uun filatamteetti.
Aadde Ilhaaniifi kan Michigaaniin bakka bu'uun filatamte Rashiidaa Tilaa'iib dubartoota Musiliima miseensa Kongireessi ta'an lamaan jalqabaadha.
Ilhaan Omaar dhalattuu Somaaliyaa wayitaa taatu waggaa 12 wayita turte gara Ameerikaatti godaante. Bara 2016 filatamtee mana maree bakka bu'oota Minisootaa galte.
Galgala darbe yeroo bu'aa filannoo eeganitti, "Galgala kana sabakoo qofa osoo hintaane namoonni kaan abdii guddaa horataniiru. Yeroo lammiileen Somaalee Yuniaayitid Isteet seenuu dhorkamanitti baqattuun Somaalee gara kongirasii Yunaayitid Isteet seenuun ishii Minesotaan ergaa ifa ta'e dabarsaa akka jirtu agarsiisa. Carraa baay'ee nama gammachiisudha," jetteetti.
Teessoowwan mana maree bakka bu'ootaa 435 hunda irratti kan dorgomame yoo ta'u dubartoonni teessoo hedduu injifachuun barichi kan dubartootaati akka jedhamu taasisee jira.
Kanneen ifa taasifaman keessaa teessoo 89 dubartootatu injifate, kanaan dura dubartoonni teessoo 84 qofa qabu ture.
Lammileen seera godaansaa pireezidant Tiraamp baasaniin wayita ammaa Ameerikaa galuu dhoggamanii jiru.
Niiwu Yoorkitti Diimokiraat bakka bu'uun kan dorgomte Alekzandariyaa Okasiyoo-Korteez irraa dubartii ganna 29tti yeroo duraaf mana maree bakka bu'ootaa galte ta'uu dandeessi jedhamaa jira.

Madda suuraa, Reuters
Tiraamp irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Warri Diimokiraat amma booda olaantummaa argatanitti gargaaramuun seerota haara pireezidant Tiraamp baasu ugguruu danda'u.
Bulchiinsi Tiraamp, dhimmi daldala dhunfaafi kaffaltii gibiraa pireezidantichaafi fedhiiwwan siyaasaa inni qabu irratti qorannoon akka banamu gochuus ni danda'u.
Keessumaa filannoo pireezidantummaa biyyattii irratti hariiroo pireezidant Tiraam Raashiyaa waliin qaban akka qoratamuufi saaxilamu gochuu danda'u.












