Filannoo walakeessaa Ameerikaa: 'Duula na filadhaa jibbisiisaa' booda

Madda suuraa, Reuters
Filannoon walakkeessa bara hojii pireezidantii tokkootti adeemsifamu kan warri 'Mid-term election' jedhuun har'a filatama.
Maq-balleessiin sanyummaa bu'ureeffate kan itti heddummate duulli na filadhaa filannoo kanaa seenaa yeroo dhiyoo biyyattii keessatti duula na filadhaa adeemsifame isa jibbisiisaa jedhameera.
Miidiyaaleen US hedduun beeksisa gabaabaa pireezidant Tiraamp waa'ee 'godantota seeraan alaa poolisii ajjeesan' himu haqaniiru.
Kutaalee biyyaa Filooridaafi Joorjiyaa keessatti ammoo bilbilli ofumaan bilbilamuun kaadhimamtoota Afrikaan-Amerikaan ta'an akka jeeqaman taasifameera.
Kunis namoota adii sanyummaa leellisaniin akka ta'e himameera.
Wal morkiin filannoo kanaa inni guddaan mana maree biyyattii ykn Koongiresii to'achuu yoo ta'u, filannichi akka riifarandamii pireezidanti Tiraamp irratti gaggeeffamuutti ilaalamaa jira.
Filannoon kun teessoowwan mana maree bakka bu'oota uummataa 435 hundaafi kan mana maree senaataroota 100 keessaa 35 irratti dorgomama.
Pireezidantichi akki inni waggoota lamaan isa hafe biyyattii itti bulchuu bu'aa filannoo kanaatiin murtaa'a.
Manneen maree lamaan keessatti warri paartii Diimokiraat olaantummaa kan argatan yoo waggoota lamaan hafan pireezidantichi akka fedhe akka hin hojjenne gochuu mala.
Pireezidant Tiraamp filannoo kana irratti paartiin isaa akka injifatu guutuu biyyatti keessatti duula gochaa ture.
Dubbii isaa keessatti dhimmoota akka godaansaa irratti waan jajjabduu jedhe. Warri giddu gala Ameerikaa irraa gara biyyattii godaanan yakkamtoota Ameerikaa weeraruuf deemani jedhe.
Jechootni isaa warra isa deeggaranitti hamilee kan horu ta'ullee sodaa namatti naqu jedhamanii qeeqamaniiru.
Facebook fi NBC dabalatee miidiyaaleen US pireezidanticha leellisan kan akka Fox News osoo hin hafne beeksisa duula nu filadhaa sakandii 30 itti kafalame kana booda akka hin tamsaasne himaniiru.
Beeksisi sun dubbi sobaa godaanaan seeran alaa osoo hin galmaa'iin Dimokiraatonni ol galchan tokko bara 2014 poolisoota lama Kaalifoorniyaa keessatti ajjeese jedhu of keessaa qaba.
Miidiyaan guddichi biyyattii CNN dubbiin pireezidantichi twitter irratti barreessan kun "jibba sanyummaa" qaba jechuu tamsaasu dideera.
Pireezidanti Tiraamp waa'ee dubbii kanaa gaafatamanii: "Wanti baay'een nama mufachiisu jiraachuu mala. Gaaffiin keessanuu yeroo hedduu kan nama mufachiisudha" jechuun gaazexeessitootaaf deebisanii jiru.

Madda suuraa, Reuters
Filannoo walakkeessa kana irratti yeroo hedduu lakkoofsi namoota filachuuf bahani ni xiqqaata.
Bara 2014 nama dhibbeentaa 37 qofatu bahe kunis seenaa yeroo dhiyoo biyyattii keessatti isa gadi aanaadha.
Akka xiinxaltoonni jedhanitti bara kana garuu namoonni bahan heddummatuu malu.
Diimokiraatonni mana maree bakka bu'ootaa keessatti olaantummaa argachuuf kan isaan barbaachisu teessoo 23 irratti dabalataan teessoo 15 ni injifatu jedhamee tilmaamame.
Mana maree senaataroota harka warra Rippablikaanotaa keessaa baasuuf garuu teessoo lama dhabuu danda'u jedhame.
Filannoon marroo duraa Kibxata halkan sa'aatii 5:00 ykn 11:00pm irratti goolabama.













