Awustiraaliyaan viizaa taphataa teenisii beekamaa Novaak Jokoviich haqxe
Taphataan teenisii addunyaarraa sadarkaa jalqabaa harkaa qabu Novaak Jokoviich akkuma Awustiraaliyaa Meelbarn gaheen viizaan isaa irraa mulqame.
Taphataan lammii Sarbiyaa kun buufata xiyyaaraa magaalattii tokkotti qabamee sa'aatii hedduuf erga tursiifamee booda, ulaagaa biyyatti seenuuf barbaachisu waan hin guutneef gara biyya isaa deebifama jedhan qondaalonni to'annoo daangaa.
Gara hoteela mootummaan namoota to'atee itti tursiisu tokko geeffamee, hanga balaliin gara biyya isaa ittiin deebifamu gahuutti achi tursiifamaa jiraachuun gabaafameera.
Kana hundaaf kan isa saaxile talaallii Covid osoo hin fudhatiin dorgommii teenisii 'Australian Open' irratti dorgomuuf hayyama argadhe jedhee dubbachuu isaati.
Novaak Jokoviich ammatti talaallii fudhachuu fi dhiisuu isaa wanti mirkanaa'e hin jiru. Haata'u malee bara darbe ifatti talaallii mormaa ture.
Akka seera Awustiraaliyaatti namni tokko gara biyyattii seenuuf ykn talaalamuu qaba ykn ammoo addattii talaallii malee akka seenu hayyamni kennamuufi qaba.
Dhaabbatni dorgommii 'Australian Open' qopheessu 'Tennis Australia' taphataa kanaaf talaallii malee akka seenu hayyama kennuu himeera.
Adeemsi hayyamichi ittiin kennameefis ifaa fi seera qabeessa ta'uu hime. Haata'u malee Jokoviich battala Dubaay irraa ka'ee Meelbarn qubatetti rakkoon isa mudate.
Humni to'annoo daangaa Awustiraaliyaa ibsa baaseen akka jedhetti "ulaagaa Awustiraaliyaa seenuuf barbaachisu guutuu isaaf ragaa dhiyeeffachuu hin dandeenye, kanaaf viizaan isaa haqame".
"Namoonni lammii Awustiraaliyaa hin ta'iin viizaa hin qabne ykn seensa irratti viizaan irraa haqame to'atamanii Awustiraaliyaa keessaa akka bahan taasifama," jedhe.

Madda suuraa, EPA
MM Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan Jokoviich addatti waanti irra gahe hin jiru, namni seera biyyattii ol ta'e hin jiru jedhan.
Hayyamni talaallii malee akka seenu kennameef akka hin jirree fi ragaa gahaa akka hin dhiyeessine himan Aab Moorisan.
Jokoviich ol-iyyannoo seeraa akka dhiyeeffatuu danda'u ykn ammoo akka haaraatti viizaa gaafatee biyyattii seenuun dorgommii irratti hirmaachuu akka danda'u gabaasaaleen biyya keessaa ni mul'isu.
Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti hoteelli taphataan kun yeroof tursiifamuuf geeffame akka mana hidhaatti immigireeshinii biyyattiin kan tajaajilu yoo ta'u, iddoo weerarri Covid irra deddeebiin mudatu akkasumas balaan abiddaalee dhiyeenya ka'ee turedha.
Akkaataan taphataan kun itti keessumsiifame biyya isaa Sarbiyaa keessatti dheekkamsa kaaseera.
Abbaan isaa Sirjaan Jokoviich ilmi isaa buufata xiyyaaraatti kutaa poolisootaan eegamu keessa tursiifame jechuun komate.
Pireezidantiin Sarbiyaa Aleeksaandar Vuchiich taphataan kun 'gocha hin malletu irratti raawwatame' jedhee, 'Sarbiyaan guutuun akka isa deeggaru' dubbate.
Covid haalaan kan itti hammaate Awustiraaliyaan uggura cimaa labsitee jirti. Lammileen ishii ganna 16 olii dhibbeentaan 90 ol talaallii fudhataniiru.
Dorgommiin 'Australian Open' Amajjii 17, 2022 kan eegalu yoo ta'u, Jokoviich amma dura yeroo sagal dorgommicha injifateera.















