Naa'omii Osaakaa dorgommii tenisii 'French Open' keessaa of baaste

Madda suuraa, Getty Images
Tapha teenisii dirreen addunyaarraa sadarkaa lammeessoo gubbaa kan jirtu Naa'omii Osaakaa, tapha booda miidiyaatti dubbachuu diduu isheetiin booda dorgommii French Open keessaa godaante.
Murtee kana Twitter gubbaa kan beeksiste lammiin Jaappaan Osaakaan ''mukuu wajjin yeroo dheeraaf wal'aansoorran ture'' jechuun erga yeroo jalqabaaf 2018tti 'Grand Slam' mo'atte booda rakkoo kana keessa jiraachuu himte.
Taphattuun ganna 23 kun torban dabre keessa ibsa gaazexeessitootaaf taphaan booda kennamu akka hin kennine himte. Kunis sababa fayyaa sammuuf jecha tahuu himte.
''Gufannaa ta'uu hin barbaadu,'' jette taphattuun yeroo afur dorgommii gurguddaa mo'atte kun.
Guyyaa Dilbataa Naa'omiin taphashee jalqabaa taphattuu lammii Romaaniyaa Paatrishiyaa Maariyaa Tig wajjin taasiste shakkii malee mo'atte.
Taphichaan booda garuu miidiyaatti hindubadhu jechuu isheetiin doolaara 15,000 adabamtee turte.
Gaafuma sana qopheessitoonni dorgommichaa ibsa waloo baasaniin, Naa'omiin itti fufuun miidiyaatti hin dubbadhu jechuu itti fufti taanan, dorgommicharraa gugsamuu malti jedhanii turan.
Kana hordofees guyyaa Wiixataa Naa'omiin taphicha keessaa of baasuu himte - ''taphicharraa yeroo murtaa'eef boqonnaa fudhadha,'' jette.
''Yeroon sirrii wayita dhufu dhaabbatichaa wajjin mari'achuun, taphattootaaf, miidiyaafi deeggartootaaf haala gaarii uumuun barbaada,'' jette Naa'omiin.
Pireezidantiin Federeshinii Teenisii Firaans Gilles Moretton, taphattuun urjii kun dorgommicha dhiistee deemuusheetti gadduu himan.
''Naa'omiif guddoo gaddina. Waan gaariin akka ishee mudatuufi yeroo gabaabaa keessatti akka dandamattu hawwinaaf. Dorgommii bara dhufurra Naa'omii arguu feena,'' jedhan Aabba Moretton.
'''Grand Slam' hunduu, WTA, ATP fi ITF hundinuu fayyummaa atileetootaaf dhimmamna. Kanarra dabrees dorgommii keenyarratti haalli dorgomtootaaf mijatu akka jiraatu ni carraaqna - kunis miidiyaa kan dabalatudha.''
Atileetonni tenisii taphataniifi hin taphanne hedduun, ejjennoo Naa'omii kan deeggaran yoo tahu, kaan garuu miidiyaatti dubbachuun ''qaama hojiisheeti,'' jedhanii morman.
Akka seera 'Grand Slam'tti taphattoonni yoo dirqamasaanii miidiyaa wajjin qaban hin bahanne taanaan, haga doolaara 20,000 yookaan Birrii Itoophiyaa 800,000 ol adabamuu danda'u.
Waldaan Teenisii Dubartootaa (WTA) gamasaaniitiin taphattoonni ''taphattoonni wayita taphaatti miidiyaatti dubbachuuf dirqama ispoortichaafi deeggartootasaanii qabu,'' jedhan.















