Heeytiitti yakkamtoonni namoota 17 butan, gadhiisuuf doolaara mil. 17 gaafatan

Madda suuraa, AFP
Gartuun yakkamtootaa Heeytii keessatti Sanbata ergamtoota wangeelaa lammilee US fi Kaanadaa 17 butan, namoota kana gadhiisuuf tokkoo tokkoo isaaniif doolarri miiliyoona 1 akka kaffalamuufiif gaafachuu isaani, ministeerri haqaa Heeytii gaazexaa Wall Street Journal’tti himaniiru.
Gartuun yakkamtoota kun namoota butaani booda gadhiisuuf maallaqa gaafachuun beekamu.
Gartuun, 400 Mazawo, jedhamuun beekamam kun Ebla keessa gartuu waldaa Kaatolikii butanii turani. Namootni kun boodarra kan gadhiifaman ta’us, isaan gadhiisisuuf maallaqni kaffalameera yoo ta’e hin beekamu.
Namootni butaman eenyu?
Lammii Kaanadaa tokko irraa kan hafe namootni butaman hundi isaanii lammilee USdha.
Namootni butaman dhiirota shan, dubartoota torbaa fi daa’imman shanidha. Daa’imman butaman keessaa inni quxisuun umurii ganna lama qofa akka ta’e himameera.
Namootni kun dhabbata miti mootummaa, ijoollee Heeytiif mana, nyaataa fi uffata dhiyeessuun gargaaru, 'Christian Aids Ministries', jedhamu kan wiirtuun isaa US, Ohaayoo keessa jiru keessaa hojjatu.
Akkamiin butaman?
Namootni kun buufata ijoollee maatii hin qabne daawwatanii osoo deebi’anii, atoobisiin isaan ittiin imalaa turan daandii guddaa magaalaa Gantiyeer irratti miseensoota gartuu kanaan dhaabsifame.
Magaalaa gudditti Port-au-Prince irraa lixa irratti kan argamtu Gantiyeer nannoo Croix-des-Bouquets kan gartuu yakkamtoota 400 Mazawo jedhaman kanaan to’atame keessatti argamti.
Washington Post akka gabaasetti, namoota butaman kana keessaa tokko, WhatsApp gubbatti gargaarsa gaafachuun ergaa maxxansee ture.
“Adaaraa nuuf kadhadhaa! Nu ugguraniiru, konkolaachisaa keessa butaniiru. Kadhadhaa kadhadhaa kadhadhaa. Eessa akka nu geessaa jiran hin beeknu,” jedha.
Butamuu namoota kanaa irratti deebiin ture maali?
Wiixata irratti Waayit Hawuus, dhimma kana furuuf FBI fi Ministeerri haaja alaa US abbootii taayitaa Heeytii waliin hojjachaa jiru jedheera.
Hogganaa ergamaa Christian Aid Ministries Haayitii namni ture akka CNN’tti himetti, yakkamtoonni kun dhabbaticha qunnamaniiru.
Illinoyiis irraa miseensii kongireesii Rippaalikaanii, Adam Ki zingeer, mootummaan US yakkamtoota kana waliin mari’achuu qaba garuu maallaqa kaffaluufi hin qabu jechuun CNN’tti himaniiru.
"Haayitii keessatti, Wiixata waldaaleen biyyatti keessa jiran yakka biyyatti keessatti baay’achaa jiru mormuun hiriira ba’anii turani.
Heeytii keessatti namoota butuun hagam baayyateera?
Addunyaa keessatti Heeytiin lakkoofsa namoota butamaaniin sadarkaa olaanarra kan jiran keessaa tokkodha.
Barri kun keessummaa addatti hamaa ture, jalqaba bara 2021 keessatti qofa buttaan 600 ol gaabafameera, madalliin yeroo walfakkaata keessatti bara darbe kan gabaafameeru 231 qofa.
Adooleessa kessaa Pireezdantiin Heeytii Jovenel Mooyise ajjeefamuun, gartuuleen wal morman aangoo qabachuuf lola taasisa, humni poolisii to’achuu dhabuun isaa ammoo biyyatti hokkora caalutti galcheera.













