Mishinarooti Kiristiyaanaa Ameerikaa Heeytiitti wanbadeedhaan butaman

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Mishinarooti Kiristiyaanaa Ameerikaa 17 fi maatiin isaanii Magaala guddoo Heeytii Port-au-Prince keessatti miseensota garee wanbadeedhaan butaman.
Akka New York Times gabaasetti dahoo ijoolleen haadhaafi abbaa hin qabne keessatti guddatan seenanii yeroo bahani dha kan isaan butaman.
Mishinarooti kunneen garee wanbadee hidhatee jiruun akka qabaman maddeen AFPtti himaniiru.
Mootummaan US garuu dhimma kana ilaalchisee hamma yoonaa deebii hin kennine.
Wanbadeewwan kunneen naannoo magaala guddoo Heeytii keessaa iddoo hiyyummaan gara malee jiru qabatanii jiru.
Yeroo ammaa immoo magaalattii keessa babal’achaa waan jiraniif buttaan akka baay’atu godheera..
Bara 2021’tti nammota 600 oliitu butame, bara darbe yeroo wal-fakkaataatti, 231 ture jedha Dhaabbati Qorannoo fi Xiinxala Mirga Namoomaa biyyatti keessa socho’u.
Pireezidantiin biyyattii Jovenel Moise baatii Adoolessaatti erga ajjeefamaniin booda biyyattii keessa hokkorri dabaleera. Hagayyatti immoo kirkirri lafaa namoota 2000 ol ajjeeseera.














