Pireezidantiin Haayitii ajjeefamuu hordofee lolli qawwee jabaate

Naannoo Pirezedantiin Heeyitii ajjeefamanitti lakkoofsi poolisotaa dabaleera

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Pirezedantiin Heeyitii ajjeefamanitti lakkoofsi poolisotaa dabaleera

Pireezidantiin Haayitii Jovinel Mo’is Poorti aa Piriinsitti ajjeefamuu hordofee magaalicha kessatti lolli qawwee poolisootaafi namoota ajjeecha raawwachuun shakkaman gidduutti jabaate.

Hoogganaan poolisii biyyattii Liyon Chaarlis, hanga yoonatti shakkamtoonni afur ajjeefamuufi shakkamtoonni lama hidhamaniiru jedhan.

Taatullee kanneen hin to’atamne adamsuun itti fufuu eeran.

‘’Shakkamtoonni kun ni qabamu ykn ni ajjeefamu’’jedhan hogganaan poolisii biyyattii kun.

Aab Mo’is nama ganna 53 kan turan yoo ta’u, haati warraan isaaniis wayita haleellaan manasaatti Roobii kaleessaa qaqqabu mada’aaniiru.

Hogganaan poolisii‘’shakkamtoonni yakka sana qaqqabsiisanii wayita deebi’an karaa itti cufnee, ergasii isaan wajjin walitti dhukaasaa jirra’’jedhan.

Qondaaltonni biyyatti akka himanitti, shakkamtoonni Pirezedanticha ajjeesan hidhannoo sirnaa kan qabaniifi poolisoata sadii da’eeffachuuf qabanii boodarra gadhiisuu isaanii dubbatan.

Qondaalli poolisii biyyattii kun jiraattonni mana isaanii keessa akka turan gaafataniiru.

Haleellaa qaanii malee raawwatame

Muummee Ministiraa biyyatti ta’uun yeroof kan muudaman Kilaahudii Jooseef, ajjeechaa Aab Mo’isi booda‘’Heeyitiin naasuu keessa jirti’’jedhan.

Hidhattoonni meeshaalee waraanaa jajjaboo hidhan mana Pirezedantichaa tulluu magaalaa Poort oo Piriinsitti argamu dhaqanii sa’aatii 01:00tti haleelan.

Aab Mo’isin rasaasaan si’a heddu rukutamuun, battala sana du’an.

Reeffi Perezedantichaa madaa rasaasaa 12’n rukutame qabaachuu qorataan dhimma yakkaa Kaarli Henerii Destiin jedhaman gaazexaa Noovilisti jedhamutti himaniiru.

Henerii Destiin akka jedhutti, waajjirri pirezedanticha fi kutaan ciisichaa isaa saamameera, Aab Mo’isin immoo dhiigaan laaqamee dugdaan ciiseetu argame jedhan.

Haatiin warraan Mo’isii Maartiin Mo’isii haleellaa sana keessatti mada’aanii kan argaman wayita ta’u, haala lubbuu yaaddeessu keessa kan jirtu gara Filooredaa geeffamteetti.

Ijoolleen sadan waliin horatan garuu ‘’iddoo nageenya isaaniif yaaddoo hin uumnetti geeffamaniiru’’jedhan qondaaltonni mootummaa biyyattii.

Aab Destiin akka himanitti, ijoollee isaanii keessa tokko Jomarlii kan jedhamtu kutaa obboleessa isheetti baqachuun haleellaa sana jalaa kan miliqxe yoo ta’u, hojjattoonni hojii mana isaanii keessa hojjatan lama harkisaanii namoota haleelaa raawwataniin hidhamee ture jedhan.

Waa’ee shakkamtoota haleellaa qaqqabsiisanii maal beekna?

Ministirri Muummee Heeyitii Jooseef hidhattoota haleellaa qaqqabsiisan’’ergamtoota ormaan qacaramanii kanneen afaan Ispaanishii fi Ingiliffa dubbatanii’’jedhan.

Afaan hojii Heeyitii Afaan Fireenchi fi Kiriyol jedhamudha.

Haata’u malee, gara boodarra Minisitiirri Kominikeeshinii biyyattii lammileen Heeyitiis shakkamtoota haleellaa raawwatan keeessa jiraachu himaniiru.

Viidiyoon haleellaa sana booda gadhiifame hidhattoota meeshalee waraanaa sirnaan hidhatanii fi uffata gurraacha uffatanii mana jireenya pirezedantichaan alatti dhaabachuun Afaan Ingliffaatiin‘’namni tokko otoo hin hafiin jilbeeffadhu! jechaa turan.

Ameerikaatti Ambaasaddarii Heeyitii Bochit Idmoon, kanneen haleellaa sana qaqqabsiisan namoota odeeffaannoo basaasaa daddabarsa balaa sammuu namaa adoochurratti poolisiif kennnan of fakkeessanillee, basaastota Ameerikaaf hojjatan ta’uusaanii waanti agarsiisu akka hin jirre amanu.

Sodaarraa ka’uun karaaleen Heeyitii qullaa ta’an

Ajjeechaa pirezedantii biyyattii hordofee karaaleen Heeyitii qullaa ta’an.

MM biyyattii yeroof muudaman lammileen Heeyitii tasgabba’aanii, mana isaanii akka turan waamicha dhiyeessan dhaga’uun mana isaanii turan.

MM biyyattii labsii yeroo muddamaa torban lamaaf turus labsaniiru.

Labsiin kun namoonni akka walitti hin qabamnefi meeshaalee waraana akka hin qabatanii hin argamne dhorkufi ga’ee qaama seera kabachiisaniin dhimma walqabatu labsichi of keessatti hammateera.

Manni Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii ajjeechaa pirezedant Mo’isirrra qaqqabe balaleeffachuun, gartuun hundi jeequmsa uumuurra akka of qusatan waamicha dhiyeessaniiru.

Hoggaantoonni biyyoota addunyaa biroonis ajjeechaa qaqqabe balaaleffataniiru.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii(UN) qaamoleen siyaasa Heeyitii keessatti qooda qaban dhimma jeequmsa hammessuu danda’u kamiraayyuu akka of qusatan waamicha dhiyeesseera.