Pirezdaantii Haayitii kan ajjeesan hidhattoota biyya biraadha-Poolisii

Madda suuraa, VOA
Wiixata darbe Pireezdaantiin Haayitii Jovenel Moyis kan ajjeefaman loltoota Kolombiyaa sooroma ba’an dabalatee, namoota ajjeechaaf qacaraman kan lammilee biyya biraa ta’an 28'n akka ta’e poolisiin hime.
Hedduun isaani kan to’annoo jala oolan magaala gudditti Port-au-Prince keessatti poolosiirratti erga dhukaasaa bananiin booda.
Shakkamtoonni mada’anii to’annoo jala olfaman, meeshaalee waraanaa booji’aman waliin Kamisa miidiyaalee fulduratti agarsiifamaniiru.
Shakkamtoonni saddeet biroon ammayyuu baqarra kan jiran yoo ta'u, sadii ammo poolisiin ajjeefamaniiru.
Halleellaa kan eenyu akka dursee qindeesse ammayyuu akka barbaadaa jiru poolisiin himeera.
Roobii ganama, gartuun hidhattootaa mana jireenya pirezdaantichaa cabsanii seenuun, isaa fi haadha warraa isaa rasaasaan rukutaniiru.
Pireezdaant Jovenel duddaan kufanii madaa rasaasaa 12 fi iji isaanii keessaa baafamee achummattii lubbuun isaanii darbe akka ta'e aanga’oonni himaniiru.
Haati warraa isaa Martiine miidhaa guddaa irra ga’een wal’aansaaf Filooridaatti geeffamtee, amma haala foyya’aarra jirti jedhameera.
Akka poolisiin jedhutti hidhattoota kunneen keessa lammileen Kolombiyaa 15 fi lammileen Haayitii Ameerikaa lama jiru.
Lammileen nagaa taatee kanaan dheekkamuun hidhattoota baqaa irra jiran kana barbaacha irratti poolisii gargaaraa jiru, tokko tokko isaanii bosonaa keessa dhokatanii arganii poolisiif dabarsanii kennaniiru.
''Nuti lammileen Haayitiitti aarreerra, kana hin simannu'' jechuun namni tokko AFP’tti himeera.
''Haqni akka argamuuf eenyuu kana duuba akka jiru, maqaa isaanii beekuu waan barbaadnuuf gargaaruuf qophiidha.''
Lammileen boodarra konkolaataa shakkamtootaa irratti ibiddaa qabsiisuun raga jiru barbaadeessaniiru.
Hoogganaan poolisii tasgabbiin akka uumamuuf waamicha dhiyeessuun, uummatni ofiin tarkaanfii seeraa fudhachuu hin qabu jedhaniiru.
Shakkamtoota kunneen keessa 11 embaasii Taayiwaan cabsanii erga seenanii booda to’annoo jala ooluu isaanii eembasichi mirkaneesseera.
Haleellaa kanaaf sababni maal akka ta’e ammallee ifa miti. Ta’us garuu Ministeerri Muummee yeroofii Haayitii Kilaawud Jooseef akka BBCtti himanitti pirezdaantiin ganna 53 kun kan ajjeefame tarii malaammaltummaa lolaa waan tureef ta’uu danda’a jedhaniiru.
Kamisa ibsa miidiyaaleef kennaniin, poolisiin paaspoortii Kolombiyaa shakkamtoota kunneen irraa fuudhame agarsiiseera.
''Lammilee biyyaa biraatu dhufee pireezdaantii keenya ajjeese'' jechuun Chaarles dubbataniiru.
Mootummaan Kolombiyaa yoo xiqqaatee shakkamtooti ja’a loltoota isaa durii akka ta’an mirkaneesseera.
Qorannoo Haayitiin taasiftu irrattis gargaarsa akka kennu mootummaan Kolombiyaa waadaa galeera.
Ministeerri dhimma biyya keessaa US, gama isaan, lammileen isaa kamuu to’annoo jala ooluu mirkaneessuu hin dandeenye.
Ta’us garuu miidiyaaleen US fi Kaanadaa shakkamtoota lammiilee Haayiti-Ameerikaa to’annoo jala oolan lama keessaa tokko Imbaasii Kaanadaa keessatti eegduu ta’un nama hojjachaa ture Jeemsi Solagiis, kan ganna 35, akka ta’e gabaasaa jiru.
Ajjeechaa kana booda Haayitii keessatti hokkorri ka’eera. Daangaan Rippaablika Dominikaan waliin jiru cufamee biyyattii guutuutti laabsiin yeroo hatattamaa labsameera.












