Namoonni kirkira lafaa Haayitiitti du'an 1,297 gahe

Kirkira lafaa Haayitii

Madda suuraa, Reuters

Kirkira cimaa Sanbata darbe Haayitii mudateen namoonni lubbuun darbee 1,297 yoo gahuu lubbu baraartoonni ammalleen barbaacha itti fufuun himameera.

Qondaaltoonni biyyattii akka mirkaneessaniitti, erga kirkirri lafaa maagnitiyuudii 7.2 Sanbata darbe biyyattii rukuteen booda namoonni 1,297 lubbu dhabaniiru.

Lubbu baraartoonni ammalleen namoota lubbuun hafan barbaacha jijjigaawwan kaasaa jiru.

Nammeen jireenyaa, waldaaleefi nammeen barnootaa kanneen balaa kirkira lafaa mudateen barbadaa'an keessaayi. Hospitaalonni muraasni namoota wallaansa barbaadaniin kan guutaman yoo ta'u, hanrinni dhiyeessitii mudechun himame.

Kana malees namoonni lakkoofsa isaanii hinbaramne bakka buteensaanii kan wallaalame yoo ta'u, kanneen gara 5,700 ta'an miidhamu qondaaltoonni himan.

Biyyittii fonqolcha pirezidaantii baatii darbeetiin walqabatee durunaanu rakkoo siyaasaa keessatti argamti turte.

Guyyoota duraa maaltu ta'e?

Ministirri muummee biyyatti ‘miidhaan guddaa’ ga’eera jechuun ji’a tokkoof labsii yeroo muddamaa labseera.

Haayitiin kirkira lafaa hamaa bara 2010tti biyyattii rukkute irraa ammayyuu bayyaannachaa jirti.

Kirkirri kun wiirtuu kan godhate magaalaa Saint-Louis du Sud akka ta’e, Qoranoon lafaa US (USGS) himeera.

Ciminni kirkira kanaa magaalatti irra darbee magalaa guddiitti Port-au Prince kan km125 irraa fagaatte jirtuu fi biyyootii olla keessatti dhaga’amee ture.

Kirkira lafaa Haayitii - Yoo xiqqaate namootni 304 du'aniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Yoo xiqqaate namootni 304 du'aniiru

Ministirri Mummee Eeriyaal Henrii hojii lubbuu baraaruu fi gargaarsa irratti akka hojjataniif gartuu bobbaasuu isaa himeera.

“Wanti barbaachisaan lubbuu namootaa hedduu hanga danda’emetti olchuudha,” jedha.

“Hospitaalotni, keessumaa kan Les Cayes namoota miidhamaniin guutanii akka jiran beekna.”

Boodarra Henriin xiyyaraan magaalaa Cayes irra balali’uun akka ilaale himeera.

Pireezidantiin US Joo Baayden Haayitii gargaaruuf “deebii US hatattamaa’ raggaasisuun, hojii “miidhaa uumamee madaluu fi namoota miidhaman gargaaruu fi deebisaanii ijaaruu irratti” USAID akka gargaarsa kennu himaniiru.

“Yeroo uummata Haayitiif rakkisaa ta’e kana keessatti, miidhaa kirkirri lafaa kun uumeen gaddeera,” jedhan.

Magaaaa Cayes gamooleen hedduun jijjiganii mul'atu

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Magaaaa Cayes gamooleen hedduun jijjiganii mul'atu

USGS dursee kirkirri lafaa kun namoota kumaatamaan lakka’aman ajjeesuu fi madeessu akka malu akeekkachiise ture. Dabalataanis kirkirrii sababa kirkira isa duraan uumame nannoo hedduutti kan dhaga’ame akka ta’ee fi tokko magnitiyuudii 5.8 akka galmeessise himeera.

Gaazexeessitoonni Le Nouvelliste akka gabaasanitti naannaa qarqara galaanaa Kibbarraa hoteelotii fi manneen amantaa turan hedduun jijjiganiiru ykn guddaa miidhamaniiru

Hogganaan Waldaa Episkoospaal Lubni Abiyaade Lozamaa akka New York Times’tti himanitti “daandiileen iyyaan guutaniiru. Namootnii maatii isaaniif, gargaarsa fayyaa, bishaani fi wantoota bu’uura barbaachutti jiru,” jedheera.

Suuraleen miidiyaa hawaassummaa irratti qoodaman gamoolee jijjiganii fi miidhaa kirkirri kun qaqqabsiise mul’isu.

Hoggantuun Save the Childern dame Haayitii, Leeyilaa Bowuraahlaa, akka New York Times’tti himteetti, miidha ga’e adda baasuuf guyyoota hedduu fudhachuu danda’a garuu “gargaarsi namoomaa hatattamaa guddaa akka barbaachisu ifadha,” jetteetti.

Jiraattuun magaala Port-au-Prince umurii ganna 34, Naayomii Vermas yeroo kirkirri kun siree ishee raasetti hirriba irraa akka dammaqte miidiyaa AP’tti himteetti.

“Hiribbaa dammaqee kopheekoo kawwachuufillee yeroo hin qabaanne. Kirkira lafaa bara 2010 irraa olleerra, waanan gochuu danda’u fiiguu qofa ture.

"Boodarran yaadadhe harmeen koofi ijoolleenkoo lamaan ammayyuu mana keessa jiraachuu isaanii. Ollaakootu deemee akka manaa ba’an itti hime. Gara daandiitti baqanne,” jetti.

Bara 2010tti kirkirri lafaa Haayitii rukute lubbuu namoota 200,000 ol galaafatee, guddinaa fi dinaagdee biyyatti irratti miidhaa guddaa uumee ture.