Dhiyeenya Haramaayaa Ejersa Goorootti kirkirri lafaa Reektar iskeelii 3 ta'e mudate

Magaalaa Harar

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, ''Hoollannaan hanga magaalaa Hararitti akka dhagahames qulqulleeffanneerra''

Itoophiyaatti Kamisa galgala kirkirri lafaa xiqqaan magaalota akka Haramayaa, Harar fi Dirre Dhawaa akkasumas naannawa sanatti akka uumame jiraattonni BBC'tti himan.

Kirkirri yookaan hoollannaan lafaa sekondii gabaabduuf ture kun galgala keessaa naannoo sa'aatii 2:38 irratti kan mudate oggaa tahu, rektar iskeeliin 3 akka galmaa'es himameera.

Barataan Yunvarsiitii Haramaayaa maqaansaa akka ibsamu hin feene tokko, kirkirri lafaa kuni Yunivarsiiticha keessatti wayita dhagahametti barattoonni gamoo irraa rifatanii gara lafaatti fiigaa turuu hima.

Rifaatuudhaan alatti rakkoon uume akka hin jirres hima: "Sekondii muraasa sanatti gamoon akka bitaa mirgatti socho'u wayii fakkaata. Sagalee iyyaa guddaa qabas ture," jedha.

Jiraataan magaalaa Harar dargaggoo Abdurahmaan gamasaatiin ''sochiin kun yeroo uumamu akka waa manarra bu'e natti fakkaate, yeroon alatti bahee ilaalu homaan dhabe,'' jechuun hima.

Kirkirri lafaa guyyaa kaleessaa naannoo Haramaayaatti mudate kun reektar iskeelii sadii kan qabu tahuu Yunivarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi qorannoo Hawaa akkasumas qorataa kirkira lafaa kan ta'an Piroofeesar Attaalaay Ayyala BBC'tti himan.

"Bakka Ejersa Gooroo jedhamuuyi sochiin kuni kan uumame. Bakki kuni magaalota Haramayaa fi Dirree Dhawaatti dhiheenya qaba. [Hoollannaan] hanga magaalaa Hararitti akka dhagahames qulqulleeffanneerra," jedhan.

Kirikirri lafaa kaleessa mudate kuni reektar iskeelii (safartuu hamma kirkira lafaa) xiqqaa kan qabu waan ta'eef, dhiibbaa guddaan uumu akka hin jiraannes himan.

Iddoowwan Sulula Qiinxamaa (Rift Valley) keessa jiranii fi olka'iinsa qabanirratti kirkirri lafaa uumamuu akka danda'u waanuma tilmaamamudhas jedhan.

"Naannoon kuni fiixee Sulula Qinxamaa irratti waan argamuuf waanuma eegamudha. Kana duras mudatee beeka. Baay'inaan kan uumamu garuu gara Affaaritti Samaraa naannoo Ayishaabilook jedhamutti,'' jedhan.

Kirkirri lafaa uumamaan yeroo hin beekamne mudachuu akka danda'uu fi iddoowwan Sulula Qiinxamaa keessa jiranitti ijaarsa gamoowwanii of eeggannoon gochuun filatamaa ta'uus eeran.

Suuraa uumama kirkira lafaa muldhisu

Kirkirri yookaan raafamuun lafaa akkamiin uumama?

Kirkirri lafaa keessoon dachee yookaan dirri lafaa (Earth's plates) wayita hoollatu ykn sosocha'u taatee gubbaa dacheerratti uumamudha. Kirkirri dachee keessoo gosa garagaraa qabutti uumamuu danda'a.

Kunis kan uumamu wayita muddamni (dhiibaan) keessoo dachee keessa jiruu gadhiifamudha.

Dirri lafaa yeroo hunda sochii laafaa tahe hinqabani, yeroo kaan walitti maxxanu. Yeroo kun tahutti dhiibaan dorrobaa dhufa. Dhiibaan walitti qabame kun oggaa gadhiifamu, lafatu kirkira jechuudha.

Keessoo dachiitti bakki dhiibaan kun irraa gadhiifamu handhuura (focus) jedhama. Dachii gubbaa ammoo bakka 'focus' kana gubbaa argamu 'epicentre' jedhanii waamu.

Annisaan kirkira lafaa dambalii 'seismic' jedhamuun gadhiifamu. Dambaliiwwan kunniin handhuura keessaa alatti faca'u.

Dambaliin cimaan gidduu 'epicentre' keessatti mul'ata. Haguma handhuurarraa fagaachaa deemu humnisaa laaffachaa adeema.

Magaalaa Harar

Madda suuraa, Getty Images

Balaan cimaan kirkira lafaan mudatus bakka dhiyeenya handhuura kanaatti argamudha.