Sa'aatiin sababa kirkira lafaatiin hojii dhaabe kirkira lafaa biraatiin deebiyee hojjachuu eegale

Sa'aatii

Madda suuraa, Getty Images

Jappaanitti sa'aatiin umuriinsaa waggaa 100 ta'e sababii kirkira lafaa bara 2011tti biyyattii mudatee tureen hojii dhaabe tokko, kirkira lafaa biraatiin deebiyee hojii eegaluun himame.

Sa'aatiin mana amantaa warra Budistootaa tokko keessatti keenyaan irratti fannifamee ture kun, sababii kirkira lafaa bara 2011tti kaaba-baha Jaappaan mudateen kan hojii dhaabe.

Tibba sanattis sunaamii kirkirri lafaa umeetiin namoonni 18,000 ol ta'an du'unsaanii ni yaadatama.

Abbaa qabeenyaa sa'aatii kanaa kan ta'an Bunshun Saakaanoo sa'aatichi deebiise akka lakka'u gochuuf waggoota hedduuf yaalanilleen osoo hin milkaa'iin hafuu dubbatu.

Haata'u malee, waggoota 10n booda kirikirri lafaa xiqqaan mudannaan sa'aatiin kun deebiyee hojjachuu eegaleera.

Sa'aatiin keenyaan mana amantaa biyyattii bulchiinsa Miiyaagii, Yaamaamaatoo keessatti argamu kun deebiyee hojjachuu eegalusaa gaazexaan tokko gabaaseera.

Bulchiinsi kunis eddoowwan Jappaan kirikira lafaatiin baayyee miidhaman keessaa tokko ture.

Kirkira lafaa Jaappaan

Madda suuraa, Getty Images

Bitooteessa bara 2011 wayita sunaamiin Jappaan rukuteetti ture manni amantaa kun kan diigame.

Manni amantaa kunis qarqara galaanaa irraa fageenya meetira muraasaa irratti kan argamu yoo ta'u, tibba sunaamiin rukutameetti ture sa'aatichi hojjaachu kan dide.

Jappaan guyyaa sunaamiin rukutame waggaa 10ffaa kabajjee torban muraasaan boodas kirkira lafaa biraatiin rukutamte turte.

Kirkirri lafaa tibbanaa mudate guyyaa lammaaffaatti ture abbaan qabeenyaa sa'aatichi deebiise hojjachu eegalu kan hubate.

Sa'aatiin kunis amma erga deebiyee hojii eegalee baatii lama ta'eera.

Bal'ina seentiimeetira 80 kan qabu sa'aatiin keenyaanii kun, kan bitamees bara 2011 suunaamiin Jappaan osoo hin rukutiin baatii muraasaan dura ture jedhameera.

Sa'aatiin kunis kirkira lafaa amma mudateen socho'ee hojii eegaluu akka hin ollee baayyeen ni tilmaamu.

Tajaajilaan mana amantichaa Obbo Saakaanoon erga balaa kirkira lafaa sanaan booda manicha tajaajiltoota tol-ooltootaatiif akka biirootti akka tajaajiluuf hayyamaniiru.

Abbaa sa'aatii kanaa kan ta'an gaheessi umuriin isaa waggaa 58 kunis sa'aatiin isaa deebiyee hojjachuu eegalusaatti gammachuu itti dhagahame ibsaniiru.