Balaliisaa xiyyaarri bosona bineensaan guutame Amaazon keessaa jalaa caccabee du’arraa hafe

Madda suuraa, Antonio Sena
Balaliisaan xiyyaaraa Antooniwoo Senaa osoo hin eegin xiyyaarri caccabee yeroo bosona Amaazon keessatti of argu wanti inni dursee sodaate: ''bineensota kanneen akka naachaa, Jaaguwaar akkasumas anaakoondaa'' ture.
Haa ta'u malee balaliisaan ganna 36 qofaa isaa jiru kuni bineensa kamtu dura na nyaata jedhee qofa hin yaaddofne.
Osoomallee nyaatamuu baate waan nyaatu, waan dhugu akkasumas bakka dahatu barbaaduu qaba ture.
Erga xiyyaarri inni balaliisaa ture caccabdee booda lubbuu baraartonni isa baraaruuf guyyoota hangamii akka duraa fudhatu yaadatee yaadda'e.
Wanti yeroo sanatti Antooniyoon hin hubanne garuu qofaa isaa, nyaata malee ji'a tokko oliif lubbuun of tursuuf akkaan qabsaa'u akka qabudha.
Xiyyaarri lafa dhahe
Ergaan xumuraa Antooniyoon gama raadiyoon balaan akka isa qunname dabarse "Mayday, mayday, mayday… Papa...'' kan jedhu ture. Sagalee balaan isa dhaqqabuu akeeku ture.
Xiyyaara keessa Antoniyoon qofaa isaa ture. Balaan kuni baatii Amajjii darbe yeroo kanneen albuuda baasaniif dhiheessii geessutti mudate.
''Motorri xiyyaaraa fageenya 900m irratti tasa dhaabate. Kanaaf bosona gidduu dirqamaan bu'uun qaba ture.,'' jechuun BBC World Service 'f dubbate.
Akka tasaa ta'e garuu xiyyaarri inni oofaa ture damee mukaatti rarraatee hin hafne. Bakka diriiraa arge qubachuu danda'e.

Madda suuraa, Getty Images
Sadarkaa kanatti du'arraa hafee ta'u danda'a. Haa ta'u malee, rakkooleen biroo isa eeggatan reefu isa qunnamuu eegalani.
Boba'aan xiyyaaraa lafa balaan dhaqqabetti dhangala'e. Kanaaf, caccabaa xiyyaaraa keessa dahachuu hin dandeenye.
Ta'us, ergaan xumuraa lubbuu baraartotaaf erge abdachuun ni dhufu jedhee osoo hin fagaatin eegu jalqabe.
''Wantoota guyyaa muraasaaf lubbuun bosona keessa na tursu qabadhe.
''Yeroos gareen lubbuu baraaruufi barbaachatti ka'e ana bira dhaqqabuuf guyyoota 5 - 8 itti fudhata jedhee guyyoota hammanaaf bosona keessa turuu mala jedheen tilmaame.''
Garuu, namni isa gargaaru osoo hin dhaqqabiin torban tokko darbe.
'Miilakoo na baasi'
Ergasii balalisaan Antooniyoo jedhamu yoo lubbuun hafe maatiikoo ilaaluu danda'a ta'a jechuun warrii lubbuu baraaran nan arganne ta'a jedhee bakka balaan dhaqqabe dhiisee of baraarsuuf adeemsa jalqabe.
''Gara baha biiftuu adeemuun eegale. Ganama ganama sa'aatii lamaa hanga afuurii adeemuu jalqabe'' jechuun lafa namni jiraatu mala jedhee yaadetti adeemuu jalqabe.
''Ergasii halkaniif karoorsuun eegale. Dahoo kiyya ijaarradhee ibidda qopheesse.''
Bosonni Amaazon nama akka tasaa keessatti of argeef sodaachisaadha. Irrattimmoo karaan dhabamuufi malli namoota kaan itti qunnaman dhibuun hammaataa taasisa.
Garuu, Antooniyoon lubbuun of tursuuf muuxannoo jireenyaa horate qaba ture.

Madda suuraa, Getty Images
''Yeroo waa'ee aviyeeshinii baradhe koorsii bosona keessa lubbuun ittiin of tursiisu danda'u baradheera. Akkasumas, Amaazon keessa dhaladhee guddadheera.''
Kana dura namoota bosona Amaazon keessa jiraatanitti dubbate akka beekuufi isaanirraas akka waan hedduu baruun danda'amu BBC'tti hime.
Nyaata barbaacha
''Firii wayii jireenya kootti argee hin beekne garuu yeroo qamaleen nyaattun arge. Kanaaf, yoo qamaleen yaatte anis nyaachuu nan danda'a,'' jedhanii nyaachuu himu.
Fuduraa Kokowaa jedhamullee baay'achuus baatu argani. Garuu, fuduraa qofa hin barbaanne.
''Hanqaaquu Naandu'' kan allattiin bosona keessa jirtuu hanqaaqxu nyaachuu fedhan.
Allaattiin hin balaliine kuni ''hanqaaquu guddaafi cuquliisa ta'e'' hanqaaqxi ture. Balaliisaan kunis irra deddeebbiin hanqaaquu kana argee ture.
''Hanqaaquun hanqaaquma. Pirotinii qaba. Na barbaachisa ture kanaaf dheedhii isaan nyaadhe,'' jedhe.
Bineensa nama nyaatan baqachuu
Nyaata lubbuu isaa itti of tursu argatuus, bineensa biraaf laaqana akka hin taane of eeggachuutu irra jira ture.
''Godoo keessa bulu yeroo mara lafa muummeerran ijaara ture,'' jechuun hima.

Madda suuraa, Getty Images
''Sababni isaas jaaguwaar, naacha akkasumas anaakoondaan bishaanirraa hin fagaatan. Kanaaf,, qarqara bishaaniirraa godoo kiyya ijaaree hin beeku.''
Kan biraa immoo guyyaa keessa yeroo bosona qaxxaamuru sagalee guddisee cooka ture.
Guyyaa keessa bineensa ofiifu rifatee tasa isatti dhufuun malee kan inni dhufuu isaa dursee dhagahee eeguun akka hin nyaatamne beeka ture.
Abdiin
Muuxannoon Antooniyoon horate lubbuun turuuf isa gargaarus, ulfaatinni qaama isaa garuu hedduu hir'ate.
Erga xiyyaarri oofu kufee caccabee guyyoota 36 booda ummata lakkoofsaan xiqqaa ta'etti bahe.
Jalqaba waan isaan hin agarreef sagalee isaanii dhagahee bakka isaan jiran bare.
''Yeroo hojjetan nan dhagaha,'' jechuun namoota firii funaananitti bahe. Xumurarra lubbuun isaa du'a oolte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Instagramimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa Instagram
''Wanti guddaa kaka'umsa naaf ta'e, dhukkubbiifi beeluu akkan obsee cimu kan na taasise hawwii maatii kiyya arguu barbaaduuti.''
''Yeroon bosonaa bahee booda buufata xiyyaaraatti isaan arge. Yeron kuni gammachuu guddaa jireenya koo keessatti na mudatedha,'' jechuun hima.
Xiyyaarriifi helikoftarri Antooniyoo barbaacha ergamaniis erga isaan barbaaduu dhaabanii torban hedduu ta'eera.
Osoo Antooniyoon lafa balaan dhaqqabe dhiisee hin deemne ta'e, maatii isaan deebi'ee wal arguu hin danda'u ture.
''Isaan hammadhee, hangam akkan isaan jaalladhu ittan hime.'' ''Isaanumaaf jecha kana hunda godhe.''













