Riqicha Hong Kong-Zhuhai: Riqicha dheeraa addunyaa kanaa Chaayinaan ijaarte

Naannoo Hong Kong-Zhuhai-Macau wal qunnamsiisu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan riqicha kana bara 2009 irraa qabdee ijaaraa turte

Pireezidaantiin Chaayinaa Shi Jinpiing riqicha dheeraa addunyaa kanaa ijaarsi isaa waggaa 9 fudhate eebbisaniiru.

Riiqichi ulaa daandiitti baasu dabalatee km 55 uuwwisu kun, doolaara biiliyoona 20 kan fixee yoo tahu harkifannaa baayyee booda xumurame.

Adeemsa ijaarsa riqaa kanaan namooti 18 du'uu qondaaltonni dubbataniiru.

Roobii boriis hojii idileesaa jalqaba jedhamee eegama.

Waanti addaa riqicha kanaa maali?

Magaalaalee ijoo Kibba Chaayinaa - Hong Kong, Macau fi Zhuhai wal quunnamsiisa.

Akka obomboleettiifi kirkira lafaa dandamatutti kan ijaarame yoo tahu, sibiilli 400,000 gamoo Eefil Firaansitti argamu 60 ijaarsistu irratti bahe.

Dheerinasaa keessaa Km30 kan tahu galaana qaxxaamura. Dooniin akka keessa darbuuf jecha qixa lamaanitti kutaan Km6.7 tahu odolawwan nam-tolchee lama gidduuttii ijaarameera.

Odola nam-tochee qaama riqicha dheeraa gidduutti ijaarame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Odola nam-tochee qaama riqicha kanaa

Karoora Chaayinaan naannoo qarqara galaanaa ijaaruu qabdu keessaati iddoo guddaa qaba jedhameera.

Naannicha keessa wayita amma namooti miiliyoona 68 tahan ni jiraatu.

Zhuhai fi Hong Kong gidduu imaluun sa'aatii 4 fudhata ture amma gara daqiiqaa 30tti gad bu'eera.

Namoota hayyama addaa qabantu dabaree kennameefin oofuu danda'u. Konkolaataan kamiyyuu achirratti oofuuf kaffaluu qaba.

Konkolaataawwan ijaarsaa lafa qotaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Riqicha kana otoo ijaaranii yoo xiqqaate namooti 18 du'aniiru.

Sababii namooti yeroo ijaarsaa du'aniifi 'riqicha du'aa' jedhamaa ture.

Akka BBC 'China' tilmaametti riqichi kun waggaatti doolaara miliyoona 86 biyyattiif argamsiisa jedhameera.