Naayijeeriyaa: Ibiddi boottee qabate namoota sagal ajjeese

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa gudditti Naayijeriyaa Leegositti ibiddi Taankarii boba'aatti qabate yoo xiqqaate namoota sagal galaafate jedhan qondaaltonni.
Bootteen of to'atuu dhabe konkolaataa daandii guutee jiru gidduutti gubatee konkolaatonni 50 caalan, baasiiwwan shan dabalatee, ibiddaan gubataniiru.
Konkolaattonni boba'aa qabatan (boottee) gubachuun waan haaraa miti.
Naayijeriyaan biyya boba'aa hedduu oomishtu taatus daandiiwwan mijataa miti.

Madda suuraa, Getty Images
Bakka bu'aan Korporeshinii Nageenyaa Daandii Federaalaa biyyattii BBC'tti akka himanitti taankarichi riqicha bira gaheeti karaa irraa maqe.
Boba'anis irraa dhangala'e ibiddis ka'e. Konkolaataa tokko irraa kaanitti daddarbaa miidhaa guddaa geessise.
Pirezidantiin Naayjeeriyaa Muhaammadu Buhaari ''nama hammanaa irratti balaan dhaqqabu isaatti gaddeera,'' jedhaniiru.








