Haayitii: Gareen wanbadee mishinaroota Kiristaanaa Ameerikaa 16 butuun shakkamu barame

Manneen jireenyaa walitti dhihaatanii ijaaraman

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen wanbadee sochii isaanii magaalaa guddoo biyyattii keessa cimsataa jiraachuu gabaafameera

Mishinaroota Ameerikaafi maatii akkasumas daa'imman isaanii dabalatee magaalaa guddoo Haayitiitti kan bute garee wanbadee hamaadha jechuun qondaaltonni himan.

Dhiira shan, dubartoota torba akkasumas daa'imman shan gaafa Sambataa osoo kanneen daa'imman maatii hin qabne daawwatanii deebi'aniiti kan butamani.

Akka qondaaltonni jedhanitti kunneen garee wanbadee 400 Mawozo jedhamuun qabamanii jiru.

Gareen kuni kana dura luba kaatolikii butuun dolaara miiliyoona tokko gaafatee ture.

Inispeektarri poolisii Haayitii Firaanz Chaampaany kanneen gaafa Sambataa buttaa raawwatan garee 400 Mawozo jedhaman akka ta'an akka amanan AP'tti himaniiru.

Kanneen gaafa Sambataa butaman keessaa 16 lammiilee Ameerikaa yoo ta'an tokko kan Kanaadaati. Namoonni biyya keessaa lakkoofsi isaanii hin beekamnes butamaniiru.

Qondaaltonni Ameerikaa waa'ee gabaafame quba akka qaban himaniiru.

Biyya Haayitiitti butamuun yookiin qabamanii akka gadhiisaniif qarshii gaafachuun waan haaraa miti. Inumaa biyyoota butuun itti hammaatu keessaati.

Keessumaa yeroo ammaa seera-maleessummaa biyyattii keessa dagaage fayyadamuun kanneen kana raawwatan dabalaa jiru.

Erga Pirezidantiin Haayitii Jovenel Moïse baatii Adoolessa darbe ajjeefamani as gareewwan walmorkan humna cimsachuuf yaalii taasisu. Kana gidduutti lammiileen biyyattii rakkataa jiru.

Akka maddeen nageenyaa AFP'tti himanitti, mishinaroonni Kiristaanaa Ameerikaa magaalaa xiqqoo Croix-des-Bouquets jedhamtu erga bahaniiti kan garee kanaan qabaman.

Dhaabbanni buufata isaa Ameerikaa godhate Christian Aid Ministries ergaa sagalee garee manneen amantii Haayitiitti ergeen kanneen butaman hiiksisuuf Imbaasii Ameerikaa Haayitii jiru waliin akka dalagaa jiru hime.

Dhaabbanni kuni keessumaa lammiilee Haayitiif deeggarsa nyaataa, uffataa akkasumas kaanif dahoo kenna.

Gareewwan wanbadee bakkeewwan lammiileen harka qalleeyyii jiraatan yeroo dheeraaf to'ataniiru. Erga dhihoo immoo sochii isaanii magaalaa guddoo biyyattii keessa cimsataa jiraachuu gabaafameera.

Baatiiwwan afran bara 2021 keessa qofa biyyattii keessa buttaan 600 ol gabaafameera. Kuni isa bara darbe yoona kana ture dachaan caala jedha gareen sivilii biyyattii tokko.