Dhalli namaa waggoota 12,300 dura tamboo fayyadamaa ture - qorannoo

Madda suuraa, Reuters
Biqiltuun tamboo gubataa Utah’tti argame namoonni Ameerikaa ganamaa waggaa 12,300 dura biqiltuu kana fayyadamuu hin oolle kan jedhu agarsiise.
Argannoon kuni isa kana dura dhalli namaa yeroon inni tamboo xuuxuu jalqabe jedhamurraa waggaa 9000’n achi fageesseera.
Qorattoonni sanyii namaa adamoo fi funaansaan naannoo Gammoojjii Great Salt Lake jiraachaa turan biqiltuu kana hin xuuxiin hin oolle jechuun amanu.
Hanga ammaa tamboon waggaa 3,300 faayidaarra ooluu kan agarsiisu ujummoo tamboon ittiin xuuxamu kan Alabaamaa keessatti argame qofa dha.
Arkiyoolojistoonni sanyii tamboo baayyee xiqqoo kaampii yeroo durii gammoojjii naannoo Utah yeroo ammaa keessatti argatan.
Haftee kanas iddoo ibiddi boba’utti kan argatan yoo tahu lafee fi meeshaalee aadaa dhakaa irraa hojjetamanis argataniiru. Kunneenis lafee daakiyyee, meeshaalee dhakaarraa hojjetaman fa’idha.
Bu’aan qorannoo isaanii adamsitoonnii fi funaantoonni Ameerikaa ganamaa tamboo xuuxaa nyaata hojjetu ykn meeshaalee tolchaa hin oolle jedha.
Biqiltuun tamboo uummattoota Ameerikaa ganamaan kan faayidaarra oole yoo tahu, waanta sammuu namaa si’eessuufi araada uumu nikotiin jedhamu qaba.

Madda suuraa, Reuters
Tamboon erga Awurooppaanooti jaarraa 15ffaa keessaa Ameerikaa gahaniin booda bal’inaan biqiluufi faca’uu jalqabe.
‘’Sanyii biqiltuu tamboo kana argachuun waan guddaa ture. Baayyee xiqqoo fi waggaa dheeraa turuu kan hin dandeenye ture,’’ jedhan Duke - saayintsitiin garee qorannoo Far Western Anthropological Research.
’’Kunis namoonni tamboo xuuxuun araadni akka nama qabu yeroo qonna jalqaban otoo hin taane, isa duradha kan isaan baran,‘’ kan jedhu agarsiisaa jedhan.
Naannoon Great Salt Lake Desert jedhamu kan dura haroo ture amma gammoojjii dha. Tahus waggooti 12,300 dura lafa ciisaa margi irratti biqilu ture.
‘’Waa’ee aadaa bara funaansaafi adamoo waan beeknu xiqqoo dha,’’ garuummoo jedhu Duke, ’’waan nuuressa sammuu koo fagoo deemsisu garuu foddaa hawaasaa gochaa xixiqqoo akkasii irraa argannu dha,’’ jedhan.














