Dubartii ofiin araada tamboo mo'achuun kaaniif dhaabbata fala barbaadu hundeessite

Madda suuraa, MIKAELA GAUER
Gireesi Ismiizi dhugaatii alkoolii dhaabuu dandeessee turte, tamboo xuuxuu dhiisuuf garuu baayyee itti ulfaate ture.
Bara 2011’tti shamarree ganna 25 kan turte Gireesi, magaalaa Niiw Yoork keessatti hojii ishee dhiphisu hojjataa turte. Innis maallaqa walitti qabduummaan hojjataa turte.
“Dhiphina sana jalaa bahuuf galgala hiriyyoota kiyya waliin mana shubbisaa deemneen of irraanfachiisa ture. Galgala sa’aatii dheeraa mana shubbisaattiin dabrsina. Kun ammoo qaamaa fi sammuu kiyyarratti dhiibbaa uumaa ture,” jetti.
Girees fayyaa qabeettii ta’uu akka qabdu hubatte. Sana irraa ka’uun mana shubbisaa deemuu dhiifte. Ta’us garuu araadaa jabaa tamboo xuuxuu waan qabduuf dhiisuun itti ulfaatee ture.
Yeroon booda hiriyyaan ishee ogeessarraa gorsa akka argattu itti himte. Isheenis gorsa sanaan booda araada tamboo xuuxuu keessaa baheera jetti.
Muuxannoon isheen keessa dabarte sunis akka namoota haala walfakkaatuu keessatti argaman gargaarsa taasiftuuf ishee kakaasuu dubbatti.
Kana keessa darbuunshee ogeettii namoota araadaan dandeettii waa hubachu dhaban gargaartu taate.
Gireesi ammatti dhaabbata ‘Grace Space Hypnosis’ jedhamu kan karaa oonlaayiniitiin namootaaf barnoota kennurratti hojjachaa jirti.
Sagantaa barnootaa kunis hoggantoota dhaabbilee Fortune 500, atileetotaafi namoota bebeekamoo dabalatee namoota 250,000 guutuu addunyaarratti argamaniif tajaajila kennaa jira.
Tajaajilli 'Hypnosis' ofii maal inni?
Hiikni jecha kanaa galmee jechootaa Oksifoord irratti akkana jedha: “Mudannoo namni tokko osoo haalli sammuu yookiin qaamasaa isaa hin jijjiiramini hirriba jabaa keessa ta’uudha. Akkasumas dhiibbaa alaatiin fedhiisaatiin alatti miira gammachuu keessa ta’udha.”
Gireesi Ameerikaa Niiw Jeersii keessatti dhalattee kan guddatte yoo ta’u, digiriishee duraa Barnoota Afaan Ingiliizii, biizinas maanaajimeentii fi qorannoo amantiitiin Koolleejjii Waagnar irraa eebbifamte.
Achis boodas digiriishee lammaffaa Yuunivarsiitii Kolombiyaarraa mirga namoommaatiin eebbifamte.
Isheenis 'Hypnosis’ ta’uuf bara 2011’tti barnoota sa’aatii 250 fudhateetti. San booda magaalaa Niiw Yoork keessatti waajjira “xiqqoo” keessatti ogummaa kanaan hojii jalqabde.
Durarratti barnoota kana qaamaan kennaa kan turte yoo ta’u, boodarra gama oonlaayiniitiin namoonni bakka hojiisaaniitti barnooticha akka argataniif kennuu jalqabde.

Madda suuraa, Getty Images
Waggoota lama booda abbaan warraa ishee lammii Biraaziil Bernaardoo Feetoosaan hojii kana teeknooloojiin deeggaruun waliin hojjachuu jalqaban.
Gireesi ogummaa kanaan ogeeyyiii horachuuf bara 2016’tti Waldaa Gorsitootaa fi Teeraappistoota Addunyaa fi Federeshinii Haayipinoosiis Idil Addunyaarraa hayyama argachuun mana barnootaa bantee jirti.
Manni barnootaa kunis hamma ammaatti namoota 85 oliif leenjii kenneera. Dhaabbata ishee fi mana barnootaa kanarraa bara kana galii doolaara miiliyoona 3 argachuuf karoora qabdi.
Yeroo weerara Covid-19 kanatti ogeeyyii fayyaa guutuu addunyaarra jiraniif barnoota kana bilisaan kenniti.
Gireesi gara fuulduratti ogummaana fudhatamummaa akka argatuuf xiyyeeffannaan hojjachuu barbaaddi.
“Namoonni ogummaa kanarratti ilaalcha sirrii hin taane qabu,” jetti, namoonni akka sammuusaanii to’attutti ilaalu, kun ammoo na aarsa,” jetti dubartii ganna 34 fi haadha ijoollee lamaa kan taate Gireesi Ismiizi.
















