Tamboo xuuxuun 'somba qofa miti ijas miidha'

Madda suuraa, Getty Images
Lammiileen Yunaayitid Kingidam miiliyoonaan lakkaa'aman tamboo waan xuuxaniif qaroo ija isaanii balaaf saaxilaa jiru jechuun ispeeshaalistoonni akeekkachiisan.
Qorannoo waldaan 'Association for Optometrists (AOP)' jedhamu taasiseen namoota shan keessaa tokko qofatu tamboo xuuxuun qaroo dhabuuf akka saaxilu kan hubate/tte.
Namoonni tamboo xuuxan kanneen hin xuuxinirraa dachaa lamaan rakkoo ijaaf saxilamu jedha dhaabbati dhimma ijaa irratti gorsa kennu 'Royal National Institute of Blind People' jedhamu.
Akkatti tamboo xuuxuun ija miidhu
Tamboon kemikaalota summii qabaniifi ija hubuu danda'an qaba.
Fakkeenyaaf, sibiilonni liidii fi kooppari jedhaman leensii ijaa keessatti walitti qabamu danda'u. Kanaanis leensiin akka sirriitti hin hubanne taasisa.
Tamboo xuuxuun rakkoo ijaa dhukkuba sukkaaraan wal qabate dhufan hammessuun hidda dhiigaa duuba ijaa jiran ykn ratiinaa ni huba.
Namoonni xuuxan kan hin xuuxne caalaa dachaa sadiin waan xixiqqoo ija isaaniin hubachuu dadhabu.
Dabalataanis, sababa dhiigni ijatti ergamu rakkoo isa mudatun rakkoo tasaa arguu dhabu ni mudata. Kanaanis, kanneen xuuxan kaan caalaa dachaa 16 balaa kanaaf saaxilamu.
Qorannoo namoota 2,006 irratti taasifameen %18 kan ta'an xuuxuun rakkoo ijaa ni fida jedhaniiru, %76 kan ta'an immoo xuuxuun akka kaansarif saaxilu adda baasaniiru.
Waldaan qorannoo kana taasise akka jedhetti rakkoo ijaa keessaa bahuf yeroo yerootti qorannoo ijaa taasisuun alatti xuuxuu dhaabuun qaroo ijaa keessan eeggadhaa jedhu.
Yunaayitid Kingidam keessatti lakkoofsi namoota tamboo xuuxanii hir'isaa jiraatus ammallee ummanni miiliyoona 7.4 ta'u tamboo xuuxa.
Walakkaa ol kan ta'an - %61 - immoo tamboo xuuxuu dhiisuu barbaadu.














