Ga’eessonni hedduun mala jireenyaa sirrii hin taane hordofu

Biiraafi tamboo waliin

Madda suuraa, SPL

Ingilaanditti ga'eessonni hedduun mala jireenyaa sirrii hin taane hordofuun lubbuun isaanii balaaf saaxilamaadha.

Akka qorannoon fayyaa Ingilaand mulisutti biyyattii keessa ga'eessota 10 keessaa sagal yoo xiqqaate dhibee tokko qabu.

Dhibeen kunis tamboo xuuxuun,alkoolii dhuguu, kuduraalee soorachuu dhabuu fi sochii qaamaa taasisuu dhabuurraa kan maddani.

Ga'eessonni walakkaa tahan ammoo waan armaan olitti tarreefaman kana keessaa sababoota lamaa fi isaa ol qabu.

Bara 2017tti qofa UK keessatti namoonni 7,700 sababa alkooliin walqabtuun du'an yoo ta'u duuti isaanis sababa alkooliin ta'uun guutumatti kan mirkanaa'edha.

Kana jechuun namoota 100,000 keessaa 12.2 sababa alkoolitiin du'u jechuudha. Kunimmoo erga bara 2008 rikardii olaanaadha.

Saboota UK'n qabdu afran keessaa ammo warri Iskootilaand sadarkaa jalqabaarratti aragamu.

Qorannoon taasifame maal akeeke?

Daa'ima akka malee furdate

Madda suuraa, SPL

Qorannoon waggaa kuni ga'eessota 8,000 fi daa'imman 2,000 akkaataa jireenya isaanii gaafachuun hojjetame.

Yeroo jalqabaatiifis mala jireenyaa daa'immanii kan maatii isaanii walin walbira qabuun madaale.

Daa'imman maatiin isaanii furdina humnaa olii qaban dachaa sadiin daa'imman maatiin isaanii furdina madaalawaa qaban caalaa isaanis carraa furdina humnaa oliitif saaxilamuu akka qaban akeeke.

Daa'imman haati isaanii furdina humnaa olii qaban 28% carraa furdina humnaa oliif saaxilamuu qabu. Kanneen haati isaanii furdina madaalawaa qaban garuu 8% qofa carraa furdina humnaa oliif saaxilamuu qabu.

Daa'imman abbaan isaani furdina humnaa olii qaban 24% furdina humnaa oliitin qabamuu kan qaban yoo ta'u kanneen abbaan isaanii ulfaatina madaalawaa ta'e qaban ammo 9% furdina humnaa oliitif saaxilamuu qabu.

Ogeettin fayyaa Caroline Cerny,qorannoon kuni rakkoo furdina humnaa olii sadarkaa yaaddessaa ta'een dabalaa jiru too'achuuf yaadachiiftuu gaariidhaa jedhu.

Kana malees yeroo ammaa daa'imman nyaataa fi dhugaatiiwwan fayyaa miidhaniin booji'amu. Daandii irrattii fi TV dhaanis nyaataa fi dhugaatii akkanaati dhaadhefama.

Oduu gaariin jiraa?

Shamarreen yeroo mobaayila ilaaltutti

Madda suuraa, Getty Images

Eeyyee. Lakkofsi namoota tamboo xuuxanii hir'achaa ji

Bara 1993 ga'eessonni 27% ni xuuxu ture amma lakkoofsi kuni gara 17% tti gadi bu'eera.

Alkoolii humnaa ol dhuguunis hir'achaa jira.

Amma malli jireenyaa fayyaaratti dhiibbaa fidu kuduraalee fi muduraalee hamma barbaadamu soorachuu dhabuudha.

Yeroo ammaa akkaataan jireenyaa fayya qabeessa hin taane dabalaa dhufus, ga'eessota 10 keessaa 4 mallattoon fayyummaa dhabuu ifatti irratti kan hin mulannedha.

Kunimmoo mallattoolee dhukkuba akka dhiibbaa dhiigaa dabaluu fi kolestiroolii fa'a taha.

Kanaan alattis daa'imman fayya qabeessa tahaa akka dhufan agarsiistuwwan ni jiru.

Bara darbe daa'imman umriinsaanii 8-15 ta'e 5% qofatu tamboo xuuxuu yaale. kan bara 1997 19% ture irraa gadi bu'eera jechuudha.

Laakkofsi daa'imman alkoolii dhuguu yaalaniis kan bara 2003 dhibbeentaa 45 ture irraa bara 2017tti gara dhibbeentaa 14tti gadi bu'eera.ra.