Atleetiifi lenjisaan Aljeeriyaa, morkataa lammii Isra’eel waliin dorgomuu didan adabaman

Garee Aljeeriyaa sirna baniinsaa Olompiika Tookiyoo irratti

Madda suuraa, Getty Images

Federeeshiniin Juudoo Idil Addunyaa (IJF) Atleetii fi lenjisaan Aljeeriyaa, morkataa lammii Isra'eel waliin dorgomuu didan adabe.

Atleetiin Aljeeriyaa tapha Juudoo Fetii Nooriin fi leenjisaan isaa Amaar Benikileef, morkataa lammii Israa’eel waliin dorgomuu diduun Olompikii Tookiyoo keessaa erga ba’anii booda, Federeeshiniin Juudoo Idil Addunyaa (IJF) lamaan isaanii waggoota 10’f dorgommii irraa dhorkuun adabe.

Nooriin kan ganna 30, dorgommii kg73'n hirmaachaa kan ture yeroo ta'u deeggarsii siyaasaa sochii Paalistaayinootaaf qabu dorgomaa Israa'eel waliin dorgommicha irratti hirmaachuu akka isa hin dandeessisne hime.

Namootni lamaan kun “ilaalcha hin taaneen,” dorgommii kana “ akka waltajjii mormii fi beeksisa pirooppaagandaa siyaasaa fi amantaa,” gaggeessuu yaalani jechuun IJF ibseera.

Koomishinni kutaa adabbii dhaabbatichaa akka jedhutti, gochi kun qajeelfama ilaalcha, naamusaa dorgommichaa fi Olompikii kan cabsedha jedha.

Nooriin dorgommii kanaan lammii Sudaan Mohaammad Abdalrasool waliin morkatee, yoo injifate lammii Israa’eel, Tohaar Butbuul waliin dorgoma ture.

Batalumatti dorgommicharraa ittifamani, koreen Olompikii Aljeeriyaa ammo dorgommii keessaa isaan baasuun biyyatti isaan deebise.

Adabbiin kun sagantaalee fi dorgommilee IJF hunda irraa hanga Adoleessa 23, 2031tti kan dhorkuun ta’us, addabbii kana mormuun Mana Murtii Ipoortii(Court of Arbitration)iyyachuu ni danda’u.

Nooriin morkattoota lammii Israa’eel waliin dorgomuu yemmuu didu kun kan jalqabaa miti. Bara 2019ttis Shaampiyoonshippii Addunyaa Tookiyoo irraattis sababa wal fakkaataan dorgomuu didee ture.