Hariiroo alaa Itoophiyaa: Itoophiyaan Embasii ishee Aljeeriyaa jiru cufuuf murteessite

Madda suuraa, Ethiopian Embassy, Algiers
Itoophiyaan embasii ishii biyya Kaaba Afrikaa Aljeeriyaa jiru cufuuf murteessuu ishee embaasichi guyyaa kaleessaa beeksiseera.
Imbaasichi gama fuula miidiyaa hawaasummaa isaan akka beeksisetti embaasicha cufuuf sababni dhiibbaa weerarri koronaavaayirasii diinagdee Itoophiyaa irratti uumen ta'u ibse.
Embaasichi dhiibbaa weerarichaan biyyattiin hanqinni maallaqaafi rakkoon diinagdee saaxilamte jedhe.
Fooyya'insa adeemsisuun Itoophiyaan caalaatti gama dippilomasiin addunyaarratti sochootu ijaaruun barbaachisaa ta'un waan itti amanameef murtee kanarra gahu beeksiseera.
MM Abiy Ahimad kana dura biyyattiin embasiiwwan 60 qabdu keessaa walakkaa hir'isuuf karoora akka qabdu paarlaamaatti himanii turan.
Embaasichi yeroof akka cufamu kan ibsame yoo ta'u Fulbaana 30, 2014 eegalee hojiiwwan embaasichaa ambaasaaddara Finfinnee argamanirraa kan hojjetamu ta'a jedhame.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Murteen embasii Aljeeriyaa jiru cufuu kuni haalli diinagdee biyyattii yoo fooyya'u irra deebiin akka ilaalamu ibsameera.
Akka embasichi jedhetti murteen kuni hariiroo cimoo biyyoota lameenii akka hin miine hubachuun barbaachisa.















