Itoophiyaatti barataan kutaa 12ffaa baranaan qabxii olaanaa fide 'maal akkan baradhu wallaaleen jira' jedha

Biruuk, haadha isaa Dr. Helen, obboleettiifi abbaa isaa Baalkaachoo

Madda suuraa, FAMILY

Ibsa waa'ee suuraa, Biruuk, haadha isaa Dr. Helen, obboleettiifi abbaa isaa Baalkaachoo

Itoophiyaatti qabxii qormaata kutaa 12ffaa isa olaanaa bara kanaa 669 kan galmeessise barataa Biruuk Baalkaachaw, barataa mana barumsaa Qiddus Yooseef kan magaalaa Finfinnee keessatti argamuuti.

Barataa Biruuk akkuma barattoota kaanii goolama sababa weerara koronaavaayirasiin uumame booda kan qorame yoo ta'u, qabxii qormaataa torban saditti soroorfamee deebi'e wayita argu amanuu hin dandeenye.

Jalqaba kan marasariitii irraa ilaaleef abbaasaati, wayita qabxii ida'an 700 keessaa 669 - qabxii guddaa.

''Qabxii kana amanuun waan rakkiseef irra deddeebinee idaane. Ida'uuf kaalkuleetara fayyadamneerra,'' jechuun BBC'tti hime Biruuk.

''Qormaatichi natti hin ulfaanne ture. Sirriitti hojjechuu koo waanan beekuuf qabxiin kiyya olaanaa akka ta'u tilmaameen ture,'' jedhe.

Gosa barnootaa hundayyuu xiyyeeffannaa kennee qo'achuu kan himu Biruuk, ''barnoota guutummaasaa sammuutti qabachuu barbaachisu jira, kan yaadrimeesaa hubachuu barbaachisu jira, yoo na rakkise YouTube seeneen viidiyoowwan ilaala. Barsiisota kiyyas baay'een hordofa,'' jedha.

Barataa Biruuk miidiyaa hawaasummaa yeroo gubuuf akka hin fayyadamne hima, YouTube wantoota irraa baratuuf fayyadama, Telegram ammoo hiriyoota waliin baratan dubbisuuf fayyadama.

Sababa weerara koronaavaayirasiif jecha wayita qormaati darbe keessa yeroo ture akka carraatti fayyadamuu dubbata Biruuk.

''Yeroo baay'ee kanan qo'adhu wayita qormaati ga'u qofa ture. Qorumsi yoo jiraate ciree kiyya nyaannaan qo'annaarra taa'a, hamman nuffutti.''

Haati Biruuk Dr Helan Yifxar, ''Ilmi koo Biruukeen, ilma onnee qabuudha. Waa'ee addunyaa kanaa wan inni yaadu wayitan dhagahu ilma abdii qabuudhan jedha,'' jechuun ilmasaanii ibsu.

Ilmasaanii Biruukiin qo'adhu jedhanii ajajanii kan hin beeknee fi deggeruu malee kana godhi jedhanii dirqamsiisanii akka hin beekne himan.

Qabxiinsaa gadi bu'ee waan hin beekneef waan maatii dhiphisee akka qo'atu dirqamsiisaniif hin jiru jedhan.

''Baay'ee carroomneerra, Biruuk nama itti gaafatamummaan itti dhagahamu waan ta'eef takka kana godhi kanammoo dhiisi jennee ajajnee hin beeknu.

Inniyyuu ofiin beekee yeroosaatti qixa sirrii ta'een fayyadama. Ijoollummaasaarraa kaasee guyyaa guyyaatti inuma qo'ata. Yeroo dabarsee(dhiisisee) manatti galuu hin jaal'atu.''

Ilmisaanii muuxannoo kana eessaa argate kan jedhuuf wayita deebii kennan Dr Helan, ''Waan ijoolleen fedhanii fi jaal'atan ni guunnaaf. Ilmi keenya waan fedhe akka raawwatu ni eeyyamnaaf.

Nutis barnootarra waan turreef ijoollummaasaarraa kaasee nu ilaalaa guddate. Kanumarraa ka'ee aadaa qo'annaa gabbifate natti fakkaata,'' jedhan.

Biruuk nama isa qo'achiisu addatti hin qabu ture, qabxii kana ifaajeema isaatiin argate jedhan haati isaa.

''Wayita daa'ima xiqqoo ture malee ergasii nama qo'achiisu ramadneefii hin beeknu. Erga of baree ammoo waan dubbisu nama biraa gaafachuu yoo danda'e malee namni isa qo'achiisee hin beeku.''

Yeroo ammaa maatii isaa waliin Ruwaandaa, Kigaalii kan jiru Biruuk, maatiisaarraa kennaa (badhaasa) eeggachaa akka jiru hime.

Haati isaa Dr Helen garuu nuti badhaasa hin amaleeffanne, amma garuu itti yaadaafii jirra jedhan.

Barataa Biruuk Baalkaachew

Madda suuraa, FAMILY

Qayyabannaa, dubbisuufi kubbaa miilaa

Barataa Biruuk hanga kutaa lammaffaatti sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa jiruun ala ta'ee hin beeku.

Gosa barnootaa addatti ilaalu kan hin qabnee fi hundumaa akka qo'atu kan hime Biruuk hanga kutaa 12ffaatti qabxii olaanaa galmeessisaa akka ture hima.

Biruuk yeroosaa gara caalu barnootasaaf kennus, yeroo kaan ammoo kitaaba dubbisuu, kubbaa miilaa taphachuu fi daawwachuudhaan dabarsa. Fuuldura ijoollee keenyaa carraawwan hedduutu jiru kan jedhan Dr Helen, ''Hunduu barachuu qaba. Garuu barnooti waan hedduu of keessaa qaba.

Kaan ispoortii, kaan ammoo muuziqaa, kaan ogummaa suuraa yookiin waan biraa jaal'achuu danda'u.

Kanaafuu ijoolleen keenya waan fedhanii fi dandeettii itti qaban akka baratan gochuu qabna. Maatiin fedhiisaa ijoolleerratti fe'uu hin qabu,'' jedhan.

''Maal barachuu akka qabu bitaa natti galeera''

Biruuk gara fuulduraatti maal akka baratu bitaa itti galeera.

''Barnooti natti ulfaatu jira jedhee hin yaadu, garuu maalan akkan filadhutu bitaa natti gale. Tokkicha qofa filadhee barachuu hin feene. Murtee isa dhumaarra hin geenye.'' jedhe.

Maatiin isaas maal akka baratuu fi garam akka deemu mari'achiisanii hin beekan.

Biruuk yeroo badhaafamteei

Madda suuraa, FAMILY

''Itti yaadi jedhu malee kana baradhu hin jedhan. Abbaan koos haati koos hakiima, garuu hakiimummaa akkan baradhu na gorsanii hin beekan.''

Barataa Biruuk erga qabxii olaanaa galmeessisee booda yuuniversitiiwwan Ameerikaa fi Firaansi keessa jiran waliin dubbachaa jira.

Yoo kun milkaa'uu dhabe ammoo yuuniversitiiwwan biyya keessaatti barachuuf qophiirra jira.

Dr Helen maatiin ijoolleesaaf waan gaarii hedduu yaada jedhan, ilmisaaniis waan baratee maallaqa argamsiisuu danda'u akka baratuuf fedhii qabaachuu himan.

''Garuu ilmi koo fedhii akkamii qaba jennee yaaduu qabna. Fedhiin isaa dursa argachuu qaba. Ogummaa kamiinuu yoo baranne waan hojjennee jiraannu hin dhabnu.

Ijoolleen gammadoo kan ta'anis yoo fedhii isaaniirra deemanii fi ittiin jiraataniidha. Kana jajjabeessuun gaarii natti fakkaata.''