Barnoota: Qormaanni kutaa 12ffaa baranaa attamiin dafee soroorfame?

Madda suuraa, Ministry Of Education
Eejansiin Madaallii fi Qoramaatawwan Biyyaaleessaa Itoophiyaa qoramaata kutaa 12ffaa saffisa kana dura hin baramneen yeroo torban sadii gadii keessatti soroorsuu torbee darbe qabxii barattootaa ifa godheera.
Amma dura qormaata kana soroorsuun baatiiwwan kan gaafatu yoo ta'u, barana garuu saffiisa addaatiin xumurameera. Kun attamiin ta'u danda'ee?
Daareektarri Eejansii Madaalii fi Qormaatawwan Biyyaaleessaa Doktor Dillaamoo Oterii, qormaatichi Bitooteessa 11, 2021 xumuramuu yaadatanii, akka jedhaniitti, guyyaa itti aanuu kaasee walitti qabuu eegalu dubbatan.
A.L.I jalqaba Bitootessaa 4, 2013tti qormaata magaalaa Finfinnee kan gara kuma 20 ta'u xumuruu ibsu.
Walumaagalattis adeemsi qormaata kana soroorsuu baatii tokko keessatti xumuramu kan himan itti gaafatamaan kun, hojiin hafee ragaa qulqulleessuu waan tureef isa hojjataa turu himan.
Waa'ee teknoolojii itti fayyadamanii yoo ibsan, ''teknoolojii 'British DRS'ti. Teknoolojiin haaraan geeddarame hin jiru'' jedhan.
Maashinichis jidduugalaan sa'aatii 24 keessatti waraqaalee qormaataa kuma 420 soroorsa jedhan.
Teknoolojiin kunis waraqaa deebii qormaata hundaa iskaan (koppii) kaasuun gara kompitaraatti akka galchu ibsuun, kana raawwachuufis maashinoonni 24 jiraachu himu.
Qormaatichis dabareedhaan sa'aatii 24'f soroorfamaa turuu kan himan itti gaafatamaan kun, barattoonni yeroon qormaataa turuusaatti xin-sammuun isaanii waan miidhameef kana bakka buusuuf qabxii dafanii ibsuuf cimanii hojjachuu dubbatan.
Qormaatichi saffisaan akka xumuramuuf sababiiwwan sadiitu ture kan jedhan itti gaafatamaan kun, inni jalqabaa qormaanni haala nagaatiin xumuramuudha jedhu.
Osoo nagaan hin xumuramne ta'ee wanti qulleeffamu qabaatu fi dhimmoonni harka poolisiitti qabaman yeroon qormaanni soroorfamuun akka barfatu taasisa ture jedhu.
Lammaffaan dabareedhaan sa'aatii 24'f soroorfamuunsaa yeroo fudhatu qusachu akka sababii biraatti kaasu.
Kana malees sirni caasaa fi hoggansaa hojiicha raawwachuuf itti fayyadaman akka sababii gaarii saffisaan akka xumuramu gumaataniitti kaasu.
Dhimma barattoota komii qabanii...
Tibba maashiniin soroorfamutti carraan dogongorri umamuu baay'ee gad-aanaadha kan jedhan Dr Dillaamoon, barattoonni gama kanaan komii qabaatan yoo dhiyaatan akka keessummeessan himan.
Barattoonni komii dhiyeessanis, bakkuma jiraniitti karaa onlaayinitiin guca qophaa'e guutuun ykn qaamaan barreffamaan dhiyeeffachu ni danda'u jedhan.
Haa ta'u malee sababii haala Covid amma jiruutiin karaadhuma olaayinii akka galfatan gorfama jedhan.
Koreen komii barattootaa ilaaluuf qofa hundeeffame jiraachu kan himan itti gaafatamaan kun, hatattamaan deebiin ni kennamas jedhan. Kunis osoo qabxiin ittiin yuunivarsitii seenan hin beeksiifamiin dura xumuruuf jedhu.
Barataan tokko qabxiin yuunivarsitii ittiin galamu erga ibsameen booda komii yoo dhiyeesse dhimmichi ilaalamuun sirreeffamni yoo jiraate akka raawwatamulleen himaniiru.
Eejansiin Maddallii fi Qormaatawwan Biyyaaleessaa A.L.I bara 2012tti barattoonni qormaataaf galmaa'an, kan qoratamanii fi qabxiidhaan illee olaanaa ta'u himu.
Akka ragaa ejjansichaatti barattoonni kuma 350 ol galmaa'uun qoramuun isaanii barameera.
Lakkoofsi amma qormaata kutaa 12 fudhachuuf eegataa jiran garuu kanaan gadi ta'u himu.
Qormaanni kutaa 12ffaa amma barattoonni kuma 350 ol fudhatan kunis sababii weerara koronaavaayirasitiin bara kanatti darbunsaa ni yaadatama.
Gama biraatiin ammoo, barana bara kaan caalaa walirraa hatuun haalaan hir'achuu kan himan Daareektarri eejansichaa, naannoolee tokko tokkootti barattoonni bilbila harkaa akka hin hayyamamne beekamu qabatanii seenuu dubbataniiru.
Kunis to'atamuu akka danda'ame himanii, barana fooyyee qabaachu himan.
Sababii hanna qormaataan walqabatees barattoonni 20 gutummaatti qabxiin isaanii yoo haqamu, barattoonni 10 ammoo wayita gosa barnoota tokko hatan waan argamaniif barnoota sanaan qabxii akka hin argannee taasifamaniiru jedhan.













