Haleellaa hidhattootaan Mozaambiikitti namoonni hedduun ajjeefaman

Hidhattoota
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoonni naannawa magaalaa Paalmaatti guyyootaaf waraana Mozaambiik lolaa turan

Haleelaa hidhattoonni kaaba Mozaambiik magaalaa Paalmaa irratti raawwataniin namoonni hedduun ajjeefamuu dubbi himaan waraana biyyattii himan.

Namoonni torba haleellaa hoteela irratti raawwatame jalaa bahuuf osoo yaalanii ajjeefaman jedhan Omaar Saraangaa.

Namoonni dhibbaan lakkaa'aman kaan, lammilee biyyoota alaa dabalatee lubbuu baraaramaniiru.

Erga Roobii darbeetii hidhattoonni Islaamummaa fiinxaaleessan naannichatti haleellaa raawwachaa turan. Kanneen haleellaa kanarraa hafan namoota bidiruu qabaniin lubbuu baraaramuu namoonni ijaan argan ni himu.

Namoonni hedduun Jimaata halkan qarqara galaanaa dhokatanii Sanbata ganama bakka sanii baafamuu kontiraaktarri achi ture tokko BBC'tti himeera.

Hojiin lubbuu baraaruu Dilbatallee itti fufee ture, hojii kana namootuma naannoo saniitu qindeessaa ture jedha.

Bidiruun namoota lubbuu baraaraman 1,400 feete, Dilbata waaree buufata doonii Peembaa kan bakka haleellaan itti raawwatee kallattii kibbaan km 250 fagaattee argamtu geesse.

Bidiruuwwan kaan namoota baqatan fe'an hedduun gara Peembaa karaarra jiru jedhu dhaabbileen gargaarsaa.

Haleellaa kanaan namoonni hagam akka miidhaman wanti beekamu hin jiru, ammallee achi buuteen isaanii kan hin baramiin hedduudha.

Qarqara galaana magaalattii reeffi namoota hedduu kan mataa ofirraa hin qabne dabalatee, faca'ee akka jiru himu kanneen ijaan argan.

Gareen hidhattootaa haleellaa kana raawwate magaalaa Paalmaa harkatti galfachuun gabaafamaa jira, garuu kana mirkaneessuun ulfaataadha.

Map
line

Kaabni Mozaambiik erga bara 2017 as riphee loltootaan akka malee miidhamee jira.

Hidhattoonni IS waliin hariiroo qaban lola naannoo biyyattii Kaaboo Delgaadoo jedhamu kan irra jireessi musliimonni keessa jiraatan keessa adeemaa jiru duuba jiru.

Lola kanaan namoonni 2,500 ol yoo ajjeefaman, 700,000 ol buqqa'aniiru.