Jiraattoonni mandara Mozaambiik 52 ta'an garee leellistootaatiin ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Kaaba Mozaamkiitti gareen milishoota leellistoota Isilaamummaa jiraattoota ganda tokkoo 52 ajjeessuu isaanii poolisiin beeksise.
Poolisiin biyyattii akka himeetti, mandara Kaaboo Delgaadoo jedhamtuutti erga dargaggoonni garee milishoota kanneeniitti makamuu didanii booda, kaan isaanii 'morma qalamuun'' ajjeefaman.
Mandaruma kana keessattis finicila waggoota sadan darbeetiin namoonni dhiibba heedduu ajjeefamuun kumaatamni qe'eesaanirraa buqa'aniiru.
Gareen kamuu haleella kana keessaa harka qabaachuu hin beeksifne.
Gareen milishaa al-Shaabaab jechuun of waamu naannicha keessa kan socha'u yoo ta'u, baatii darbees yeroo gabaabduuf magaalaa Mokimbo de Priyaa to'atanii ture.
Tarii kunis sochii Somaaliyaa keessatti maqaa tokkoon gaggeefamuun hidhata qabaachuufi dhiisuun adda hin baane.
Bulchiinsi Isilaamisitii Jiddugala Afriikaa (Iscap) kan garee leellistoota Islaamummaa waliin hidhata qabu, haalleewwan Mozaambiik keessatti gaggeefaman kan duraa muraasa keessaa harka qabaachuu beeksisee ture.
Hallleellaan kunis mandara Xitaxii kan aanaa Mudumbee keessatti guyyaa Ebla 7 raawwatulleen kan barame garuu gaafa Kibxataati.
"Yakkamtoonni dhiheenya keessa dargaggoonni akka itti makamaniif filataa turaniiru. Garuu gama dargaggootiin fedhiin hinjiru. Sababii kanatu isaan arsuun garaa garummaa tokko malee jiraattoota ajjeessan.
Gara jabiinaan dargaggoota 52 ajjeessan,'' jedha dubbi himaan poolisii Orlaandoo Mudumaane yoo midiyaatti himan.
Naannoon amma dargaggoonni kunneen itti wareegaman kunis biyyatti keessaa naannoo baayyee hiiyuumman itti hammaateedha, haa ta'u malee kan qabeenyaawwan albuudaan badhaateedha.
Biyyattiin kuusaan boba'aa naannicha jiraachu kan barte bara 2010tti ture.














