Humni Qilleensaa Itoophiyaa garee 'fanjii' awwaaluu al-Shabaab barbadeessuu beeksise

Humna Qilleensaa

Madda suuraa, Tech. Sgt. Cecilio M. Ricardo Jr

Humni Qilleensaa Itoophiyaa tarkaanfii Somaaliyaa keessatti garee 'fanjii' al-Shabaab irratti fdhateen hedduu ajjeesuu Raayyaan Ittisaa beeksiseera.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa tarkaanfii kana kan fudhate Somaaliyaa keessa bakkawwan Kortolleefi Hirkut jedhamanittidha.

Haleellaa gaggeesse kanaanis "Miseesinata garee 'fanjii' al_shabaab 17 guutummaan guutuutti barbadeessuu ajajaan itti-aanaa ramaddiin Humna Qilleensaa gama Baha Koloneel Habtom Zannabaa ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa ibsa baaseen akka himetti, gareen 'fanjii' al-Shabaab kokolaataawwan loltoota Itoophiyaa gareen Doolloo irraa ka'uudhaan gara Kibba Lixa Somaaliyaa Baahidawaatti meeshaleen loltummaa gara garaa fe'atee socho'aa turan irratti haleellaa raawwachuudhaaf qophiirra osoo jiruu ture kan irra gahame.

Ajajaan Humna Qilleensaa Damee Jeettiiwwan Waranaa Shalaqaa Darrasaa Indaalee akka ibsanitti gareen 'fanjii' al-Shabaab fanjiiwwan hedduu daandii raayyaan irra socho;urra awwaaluudhaan miidhaa geessisuuf koroofatanii socho'aa turan jedhameera.

Akka qondaalottonni Humna Qilleensaa jedhanitti, tarkaanfii fudhatameen, "karoorri al-Shabaab osoo hin milkaa'iin gareen 'fanjii' sun guutummaan guutuutti barbdaa'uun" raayyaan yaaddoo tokko malee akka socho'u isa dandeesiseera.

Al-shabaab ammoo waa'ee haleellaa Humni Qilleensaa Itoophiyaa gaggeesseera jedhee hanga ammaatti wanta jedhe hin qabu.

Gamtaa Afrikaatiin deggaramuufi loltoota biyyoota biroo waliin ta'uudhaan Somaaliyaa keessatti argama.

Al-Shabaab mootummaa Somaaliyaa giddu-galeessaafi humnoota alaa irratti magaalaa guddittii biyyattii Moqaadishoofi bakkawwan gara garaatti yeroo gara garaa boombii dhoosuudhaan miidhaa cimaa garee qaqqabsiisaa jirudha.

Humni Qilleensaa Itoophiyaa kanaan duras haleellaa gaggeessuun miidhaa garee sanarraa akka geessise beekiseera. Xiyyaarri nama-maleeyyii Ameerikaas hundeessitootaafi gaggeessitoota garee kanaa irraan irra deddeebiin haleellaa qaqqabsiisuun miidhaa geessisaniiru.

Dhiyeenya kana Ameerikaan miseensa hundeessitoota Al-Shabaab kan ture Yusuuf Jiis Somaaliyaa keessatti haleellaa qilleensarraan gaggeessiteen ajjeesuu ishee beeksisuun ni ni yaadatama.