Kaameruun loltoonnishee ajjeechaa namoota nagaa keessaa gahee qabaachuu hamante

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Kaameruun loltoonni biyyatti milishoota irratti qabsaa'aa turan namoota nagaa 13 fi daa'imman 10 kaaba lixa biyyattiitti ajjeesuu amane.
Aanga'oonni baatii muraasaan dura hirmaannaa ajjeechaa loltootaa kana haalanii turan.
Pirezidaantiin Kaameruun ibsa kennanniin akka himanitti, loltoonni sadii garee nageenyaa waliin ta'uun buufata riphee loltootaa cabsanii seenanii haleellaa gaggeessaa turan.
Ajjeechaan raawwatame kan tasa ta'eedha jechuun loltoonni dhokisuuf yaalaniiru.
Mootummaan waggoota sadan darbaniif riphee loltoota naannicha keessa socho'an waraanaa jira.
Tibba haleellaan gaggeefameettis, dubartoota garaatti baataniifi daa'imman 15 dabalatee namoonni 23 ajjeeffamuu Dhaabbanni UN himeera.
Qorannoon dhaabbata Humaan Raayitis Wooch jedhamuun gaggeeffame ammoo daa'immaniifi dubartoota garaatti baatan 13 dabalatee siviloonni 21 ajjeefamuu himeera.

Madda suuraa, UGC
Gulaalaan BBC World Service kan ta'e Wiil Roos akka jedheetti, mootuummaadhaaf kun jijjirraa ejjannoo qaanneessaadha. Ammas taanaan gama mootummaatiin shakkiin jira jedheera.
Kannan dura mootuummaan loltoonni ajjeechichaa keessaa qooda qabaachuu haalee ture. Haata'u malee, Pirezidaantii Pool Biyyaa dhiibbaa dhaabbilee idil-addunyaatiin irratti taasifamuuf deebii kennuuf jecha qorannoon akka gaggeefamuuf ajajaniiru.
Kibxata darbe ammoo, ibsi raadiyoo mootummaatiin dabarfame akka jedheetti, loltoonniiifi hordooftoonni halleellaa waraan qawweetiin buufata riphee loltootaa irratti gaggeessaniin ''dubartoonni sadiifi daa'imman 10 ajjeefamuu,'' baraniiru jedha.
''Naasuu loltoota sadiitti dhagahamee dhooksuuf jecha miseensoota garee of baraartootaa bakkichatti abidda qabsiisanii turan,'' jedha ibsichi.
Pirezidaanti Biyyaan ammoo hoogganaan garee loltoota adda sanaa akka to'annaa jala olfamuuf ajjaja dabarsaniiru, jedhu qondaaltoonni.
Kaameruun keessa kaaba-lixa biyyattii bakka jiraattoonni afaan Inglizii dubbatan jiraataniitti tasgabbiin dhabiinsi erga mudachuu eegalee bubbuleera.
Gareen riphee loltootaata biyyaatti foxoqsuuf yaalaniif bara 2017 erga mootummaan mormitoota irratti tarkaanfii fudhatee eegalee socho'uu jalqaban.
Kanneen naannicha akka bulchiinsa mootummaa jidduugalaa jalaa walaba bahu barbaadanis, walabumaa naannichaa labsuun Ambazonia jechuun moggaasanii ture.
Garuu pirezidaantiin biyyattii garee kanaan 'shororkeessotoota' jechuun balaalleefateera.
Erga waraanni naannichatti eegalees namoonni 3,000 ta'an kan ajjeefaman yoo ta'u, kanneen kuma 70 ta'an ammoo bakka jireenyaa isaanii irraa buqqa'aniiru.












