Kaameeruun intarneetii cufte

Mana bilbila harkaa qabatee jiru

Madda suuraa, SEYLLOU

Ibsa waa'ee suuraa, Cufamuun intarneetii kana duraa naannawa warra afaan Inglizii dubbatanitti taasifame, baayyee daldala miidhee ture

Kaameeruunitti erga walitti buunsi foxxoqsitoota hirmaachise gaggeefamee booda, naannawa warra afaan Ingiliizii dubbataniitti tajaajjilli intarneetii cufame.

Humni poolisii dhukaasa hirirtoota Dilbata bilisummaa lalabanii irratti baneen yoo xinnaate namoonni saddeetti ajjeesaniiru.

Ripoortarri BBC magaalaa Baameendaatii akka jedheetti, daandiiwwan konkolaataa fi namoota malee mulachaa jiru.

Angoowwanis yeroo jeequmsi walfakkaataan barichatti umameen baatii sadiin dura inarneetii cufan.

Dureen paartii mormaa guddaa Joon Firuu Ndii, walitti bu'insichaan yoo xinnaate namoonni 30 du'usaanii akka amanu BBC tti himee jira.

Akka gabaasni jedhuuttis, yoo xinnaate namoonni 50 mada'uun kanneen 200 ta'an ammoo hidhamaniiru.

Pireezidaant Pool Biyaa, namni umurii waggaa 84 ammoo jeequmsicha balaalleefachuun mariidhaaf waamiicha taasisaniiru.

Poolisoota kora bittinsaa uffata golgaa guutuu wajjin karaa magaalattii irra deemaa jiran

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisoota kora bittinsaa uffata golgaa guutuu wajjin nageenya magaalaa Buu'ee yeroo eegan

Garaa garuummaan kunis kan biyyoota jiddu gala Afiriikaa kan yeroo qubsama bara koloonii taasifameen wal qabata.

Kaameeruun dursa Jarmaniin koloniin kan bitamte yoo ta'u, Waraana Addunyaa Tokkooffan booda ammoo Biritishii fi Faransaayii jidduutti gargari qoodamtee bara 1961 tti ammoo tokko taatee ture.

Erga yeroo sanaatii kaasees, sabni bicuu naannawa afaan Ingilizii haasa'anii loogiin akka irra gahaa jiru balaaleefachaa turan.

Naannoo warra Afaan Inglizii haasa'anii; Kaaba-Dhihaa fi Kibba-Baha biyyatti keessatti, manni barumssa fi adeemsi seeraa afaan Faransaayiin akka ta'uuf dirqisiifamuu irra kan ka'e ture mormiin waggaa darbe kan jalqabame.

Haala amma jiru

Hiriirri Dilbata tarees, ayyaannefannaa tokkummaa biyyaattii kan waggaa 56ffaa irratti yoo ta'u, namoonni hiriira duraa irratti hidhaman akka gadi lakkiifamaniif waamicha taasisaniiru.

Dhaabbanni dhiyeessaan tajaajila bilbila mobaayilii biyyatti -MTN, tajaajila inatarneetii isaarratti rakkina akka qabu ibsuun alkan Dilbata eergaa dabarsuu isaa Riipoortarrii BBC magaalaa Baamendaa irraa dubbateera.

Baayyeen garuu intarneetichi motummaa mormiidhaan rakkateen ammas beekaa akka cufame shakku.

Riiportarri keenya akka jedhuttis, namni daandiiwwan Baamendaa irraatti argame kan qabamanii fi humnoonni nageenyaas Baafute lafa Kaaba magaalaa irraa km 20 fagaattutti mana cabsuun hidhaa raawwachaa jiru.