Maaliik Diyaaw hogganaan itti aanaa juntaa, mana maree cehumsaa Maalii hogganuuf

Madda suuraa, EPA
Fonqolcha Hagayya darbe Maalii keessatti raawwateef namoota murteessoo ta’an keessaa tokko kan ta’e angoo olaanaa argatee jira.
Koloneel Maaliik Diyaaw qaama yeroo seera baasuuf hundaa’e ‘Mana Maree Cehumsaa Biyyaalessaa’ akka hogganuuf sagalee guutuun filatamee jira.
Qaamni kunis ji’oota 18 gidduutti bulchiinsa siiviiliif angoo dabarsuuf ga’ee olaanaa taphata jedhamee eegama.
Gareen mormituu tokko qaama kana hin fudhu jechaa jira.
Gareen mormituu Juun 5 Muuvmanti jedhamuun beekamu, hiriirota mormii gurguddoo Ibraahim Buubaakaar Keeyitaa angoorraa buusan qindeessaa ture.
Mootummaa waraanaa kanaaf ‘‘tajaajiltuu’’ hin taanu jedheera jechuun AFP’tu gabaase.
Koloneel Diyaaw namoota fonqolcha Hagayya 18 raawwate duuba jiran ijoo keessaa tokko akka ta’eefi itti aanaa juntaa (garee waraanaa humnaan aangoo fudhate) sanaa ta’uun muudamuu riippoortarri BBC Ebriin Biruu kan gabaase.
Qaama namoonni 121 keessatti argaman kana hoogganuuf qofaasaa dorgome.
Qaama Afriikaa Lixaa kan ta’e ‘Ecowas’ qoqqobbi angoo waraanaan to’achuu sababa godhachuun Maaliirra kaa’e kaasuuf jaarsummaa taa’amerratti gahee guddaa kan gumaache yoo ta’u, qoqqobbiin qaama kanaan biyyattiirra kaa’amee ture Onkololeessa darbe kaafame.
Dursaan juntaa kanaa Koloneel Assimii Gooyitaa pirezidantii itti aanaa yoo ta’u, Ministirri Raayyaa Ittisaa duraanii Baah Indaawu biyyattii bulchaa jiru.
Maaliin rakkoo dinagdee hamaa keessa jirtuun cinatti, haleellaawwan gareewwan finxaaleyyii Islaamaatiin raawwatamaniin waxalamuutti jirti. Loltoonni Faransaayi, Afriikaafi UN gareewwan kunneen qoluuf achitti argamu.
Fonqolchi Hagayya keessa raawwatame hawaasa idil-addunyaa kaan mufachiisus, lammiileen Maalii hedduu garuu deeggaraniiru.














