Mormitoonni mootummaa Maalii Chaartara Ce’umsaa didan

Madda suuraa, EPA
Baatii Hagayya darbe waraanni pirezidantii Maalii aangoorraa fonqolchuu dura qindoominni paartilee mormituu mormii ummataa gaggeessaa turan chaartara cee'umsaa didan.
Biyyattii keessatti hanga filannoon gaggeeffamutti mootummaan ce'umsaa ji'oota 18'f turu akka hundaa'e Sambata darbe ture walii galteen Humna Waraanaa biyyattii aangoo harkaa qabuun kan mallattaa'e.
Walga'ii guyyoota sadi ture irratti kan hirmaate gareen qindoomina mormitootaa garuu sanadi walii galtee kun humnoota waraanaa kan aangessuudha waan ta'eef hin fudhannu jedhaniiru.
Sanadi kun mootummaan ce'umsaa qaamolee siivilii (waraana hin ta'iniin) akka gaggeeffamu yaada jedhuuf xiyyeeffannaa homaatuu hin laanne jechuun komatan mormitoonni.
Akkasumas fedhii fi dantaa ummata Maalii kan ilaalcha keessa hin galchineedha jedhan.
Gareen miseensota biyyoota dhiha Afriikaa, Ecowas, mootummaan ce'umsaa qaamolee siiviliin akka gaggeeffamu fedhu.
Humni waraanaa ammoo siiviliis ta'e humni waraanaa qaawwa hooggansaa jiru duuchuu danda'a jedheera.
Pireezidantiin aangoorraa fonqolfaman maanguddoon ganna 75 Buubakar Keetaa torbee darbe Fulbaana 5 biyyattii gadhiisanii gara UAE imalaniiru.
Aanga'ootni waraanaa akka jedhanitti pireezidantichi dhibee Istirookiin waan miidhamaniif waldhaansaaf deeman.
Hoogganaan waajjira pireezidantii ammoo, Buubakar Keetaa guyyoota 15'f ala akka turan dubbataniiru.

Madda suuraa, Reuters
Pireezidant Keetaarratti mormiiwwan hedduun diinagdee fi malaammaltummaa wajjiin walqabatan erga gaggeefamaa turanii boodadha Hagayyaa 18 aangoorraa kan fonqolfaman.
Maaliin bara 1960'tti erga kolonii Faransaay jalaa birmadummaa argattee booda fonqolcha mootummaa yeroo keessummeessitu kun isa afraffaadha.














