Pirezidaantiin Maalii fonqolchaan aangoorraa buufaman jila afriikaa lixaa waliin marii'atan

Madda suuraa, ANNIE RISEMBERG
Jilli hawaasa dinagdee biyyoota Afriikaa Lixaa (ECOWAS) kan miseensa biyyoota 15 qabuufi Maaliin miseensa taatee fonqolchaan booda biyyattii daawwatan.
Garee jila pirezidaantii duraanii Naayijeriaa Guud Laak Joonaataaniin hogganame kunis humnoota waaraanaa amma aangoo qabataniifi pirezidaantii biyyattii aangoorraa buufamee Ibraahiim Baawubaakaar Keetaa waliin mari'ateera.
''Pirezidaanti Ibraahiim Baawubaakaar Keetaa arganneera. Haala gaariirratti argamu'' jechuusaanii Pirezidaantii duraanii Naayjeeriyaa eeruun maddi oduu AFP gabaaseera.
Marii humnoota waaraa waliin gaggeessanis haala gaariin adeemaa jiraachuusaa fi abdii akka kenneef ''Pirezidaanti Ibraahiim Baawubaakaar Keetaan natti himaniiru'' jedhaniiru Guud Laak Joonaataan.
ECOWAS Ibraahiim Baawubaakaar Keetaa gara aangoo isaaniitti akka deebii'aniif akkeekakchiisa cimaa kenneera.
Kana malees biyyoonni daangaa isaanii akka cufan taasiseera. Sochii maallaqaa kamiyyuu kan daangeesse yoo ta'u, eddoon murtee kennuu hawaasichaa keessa akka haqamtuufis murteesseera.
Haa ta'u malee lammiileen biyyatti gocha fonqolcha mootummaatiin gammadanis daandiiwwan magaalaa guddoo biyyatti Baamaakootti bahuun humna waraantiif deeggarsaanii agarsiisaniiru.
Baatiiwwan lamaan darbaniif gamtaan paartilee mormitootaa, dhaabbileen miti mootummaaf hiriirawwan mormii namoonni hedduun irratti hirmaatan gaggeessaa turan.
Malaammaltummaa, qoodinsi qabeenyaa loogiin guutameefi seerri filannoo wal morkisiisaa ta'e ilaalchisee mormii dhageessisuu bira darbuun pirezidaantiin aangoorraa akka bu'aniif sababa ture.
Bulchiinsi Ibraahiim Baawubaakaar Keetaa malaanmaltummaa hedduun mudachuun alattis, rakkoolee bu'uraalee misoomaa hedduun himatama.
Keessattuu qonnaan bulaan hir’ina xaa'oo mudateen baayyee komata.
Kana malees qabsoo cimaa warraanni biyyattii garee mankaraaristoota waliin taasisuun kanfaltiin taasifamuuf gadaanaa ta'unsaa aarii uumuusaatu himama













