Pirezidaantiin Maalii hookkara biyyasaaniitti mudateen booda Mana Murtii Heeraa biyyattii bittinsan

Mali President Ibrahim Boubacar Keita

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waamichi Pirezidaantiichi aangoo akka gadhiisuuf taasifamuu dabalaa dhufeera

Pirezidaantiin Maalii Ibraahim Boobakar Keetaa hokkoora Jimaata irraa kaasee biyyattii keessatti umamuun lubbuu namoota afurii galaafate tasgabbeessuuf mana murtii heeraa diigusaanii beeksiisan.

Kana malees pirezidaantichi hokkara akkasii kana obsaan bira hin darbuus jedhan.

Manni murtichaas erga bu'aa filannoo miseensoota paarlaamaa baatii Bitootessaa keessa haqeenn booda jiddugala mormii ta'ee ture.

Waamichi pirezidaantichi akka aangoo gadhiisuuf taasifamuus dabalaa dhufeera.

Mormiitoonnis haala inni waldhabdee warra jahaadistoota kan bara dheeraaf ture ittiin qabee, rakkoon dinagdee fi filannoo walfalmiisiisaa irratti gammadoo hin turre.

Walta'iinsi mormiitootaa haaraan Imaama Mahaamuud Dickoon hogganamuus riifoormii haaraan akka gaggeeffamuuf dhiibbaa taasisaa turan.

Maalii keessa waan haaraa maaltu jiraa?

Pirezidaantichi "Hayyama miseensoota mana murtii heeraa hafan haquu murteesseera,'' jechuun Sanbata galagala TV biyyaaleessaa irratti haasaa taasisan.

''Murteen kunis qaamooleen aangoo dhimmisaa ilaalatu torban itti aanuu keessa, akka miseensoota mana murtii haaraa filachuun waldhabdee filannoon wal qabatee ture hiikuuf akka nu gargaaran ni taasisa,'' jedhan.

Protests in Mali

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Sanbatas mormiin magaalaa guddittii biyyattii keessatti gaggeefamaa ture

Mormii Jimaataa magaalaa guddoo biyyattii Baamaakoo keessatti gaggeefameen namoonni afur ajjeefamu aanga'oonni beeksiisan.

Ministirri Mummee biyyattii Baanuu Sisee, gama isaanitiin pirezidaanticha waliin mari'achuuf qophii ta'uu himanii, 'hatatamaan' motummaa hunda hammatu akka hundeessan waadaa galaniiru.

''Rakkoolee ammaan tana biyyattii keessa jiruu hiikudhaaf motummaa bakka buufanna,'' jechuun Raadiyoo Firaansi Intarnaashinaal jedhamutti himaniiru.

Haa ta'u malee kun kan dubatame erga Walta'iinsi mormiitootaa hoggantoonni mormiichaa lama qaamoolee nageenyaatiin to'atamunsaanii himameen booda ture. Dureewwan mormichaa hidhaman lamaanis Chogu'el Kokaalaa fi Montaagaa Tool jedhamu. Akkasumas dureen mormiichaa kan biraa guyyaa Jimaata to'atameera.

Guyyaa kaleessaa galgalas magaalaa guddoon biyyaattii dhiibbina olaanaa keessa akka turte madeen midiyaa himaniiru.

Erga Wiixataatii mormiin kun yeroo sadaffaaf gaggeefame.