Hoogganaan Al-qaa'iidaa damee Afriikaa Kaabaa ajjeefame

Hogganaa Al Qaa'idaa Abdilmaaliik

Madda suuraa, AFP

Duula Maalii keessatti gaggeefameen namni ogganaa al-Qaa'idaa Kaaba Afriikaa ture Abdalmaaleek Dirookideel ajjeefamusaa Faransaayii beeksifte.

Ministirri Raayyaa Ittisa Faransaayi Filooransi Paariili akka jedhaniitti Dirookideel fi waahillisaa kan biraas duula guyyaa Roobii kaaba Maaliitti gaggeefameen ajjeefamaniiru.

Ministiriittiin itti dabaluunis, duula gara biraatiin ajajaa garee blchiina Isilaamaa olaanaan achuma Maalii keessatti to'annaa jala oolfamaniiru.

'Dulli injifaannoon keessa baanee kunis gareewwan shororkeessootaatiif kasaaraa olaanaadha,'' jechuun bu'aa duula taasiisanii leellisaniiru.

Ammas gareen isaanii gareewwan biyyoota Saahil waliin ta'uun miseensoota garee kanaa adamsuu kan itti fufuu ta'uus himaniiru.

Garee Al-Qaa'iidaa Isilamaa Maagreebi (AQIM)tti ogganaa kan ture Abdilmaaleek, qindeessaa gareewwan Kaaba Afriikaa keessa socho'anii ture.

Kana malees ajajaa garee al-qaa'iidaa saahilee keessaan hidhata kan qabu Jaamaat Nusraat al-Isilaam Waal-Misliim (JNIM) akka turan barameera.

Ogganaa garee IS kan turaniif amma duulichaan to'annaa jala kan olfaman Mohaammad Miraabaat ammmoo Saahila keessatti ogganaa olaanaa IS ture. To'annaa jala kan oolfame Caamsaa 19, 2020 akka ta'ee ibsi Ministiriitti kun himeera.

Jalqaba baatii Caamsaa irratti hidhattoonni IS, Maaliifi Burkinaa Faassoo keessatti al-Qaa'idaa waliin waraana cima keessa galusaanii beeksiisanii ture.

Gareen IS, JNIM bakka buufata kiyyaarratti hallellaa raawwateera akkasumas dhiyyeessii boba'aa najalaa dhaabee fi deeggartoota kiyya na jalaa hidheera jechuun balaalleefataa ture.

Abdilmaaliik eenyuu ture?

Umuriidhan kan waggota 40 keessatti argama Abdilmalaliik, Afiigaanisataan keessatti loltoota Sooviyeetii waliin waraanarra akka ture himama. Kaayyoon isaas akka ogganaa Al-Qaa'idaa duraanii Abu Musaab al-Zaarwii sana ta'uuf barbaada ture.

Oggansa isaa AQIM wayita tureettis waggoota afuriin dura Burkinaa Faasoofi Uugaaduguu keessatti halleelaawwan lubbuu namoota 30 itti bade fi kanneen 150 miidhaaf itti saaxilamanii gaggessee ture.

Waggoota saddeetiin duras bakka hinjirreetti Aljeeriyaa keessatti murteen du'aa irratti murtaa'ee ture. Himannaa sanaanis miseensa garee shororkeessaa ta'uufi boombiidhaan halleellaawwan raawwachuun himatamee ture.

Isaan boodas haleellaa oggansa isaatiin raawwatameen Aljeeriyaa keessatti namoonni 22 ajjeefamanii 200 ammoo miidhaaf saaximaniiru.

Lammummaa Aljeeriyaa kan qabu Abdilmaaliik maqaansaa biyyoota Afriikaa Kaabaafi Saahilee keessatti baayyee beekamaa ture jedhama.

Aljeeriyaa keessattis haleellaawwan sadii ta'an raawwateera. Akkasumas looltoota biyya Faransaayiifi kan biyya biraa Maalii keessa qubatan irrattis halleellaa raawwateera.

Waajjirri Nageenyaa Motummaan Gamtoomanis Abdilmaaliik boombiiwwan tolchuudhaan lammilee sivilii dhibbaan lakkaa'aman ajjeesseera jedheera. Biyyoota akka Tuniziyaa, Niijariifi Maalii keessattis lammiilee biyyoota Auroppaa butuudhaan barbaadamaa ture.

Kolonneeffattu Maalii kan turte Faransaayi biyyattii keessaa loltoota kumaatamaan lakkaa'aman qabdi. Looltoonni kunneenis hidhattoota waraanuuf jecha Maalii keessa kan qubatan jedhameera.