Godina Kafaatti namoota du'an irratti Covid-19 argamunsaa yaaddoo uumee

Madda suuraa, Bonga University/FB
Naannoo Uummattoota Kibbaa Godina Kafaatti namoota lama sababii adda addaatiin du'an irratti qorannoo taasifameen Covid-19'n qabamunsaanii mirkanaa'eera.
Godinichatti reeffii namni guyyaa Dilbata waldhabdee nama waliin umameen lubbuunsaa dabarte tokko irratti qorannoo taasifameen Covid-19'n qabamee akka ture mirkanneefachu Hojii Gaggeessaan Hospitaala Bongaa Obbo Zarihun Mangashaa BBC'tti himan.
Namni du'an kunis vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e ajjeechaa irrattii raawwatameetiin booda wayita reeffi qoratamu ta'uu dubattaniiru Obbo Zarihuun.
Reeffii nama kanaas ammallee hospitaalatti kan argamu ta'u kan dubbatan Obbo Zarihuun, maatiin nama kana waliin hidhata qaban, namoonni reefficha kaasan, miseensoonni poolisii reefficha fudhatan, qorattoonni yakkaa, konkolaachiftoonni fi qorattoonni reeffaa hundi Yunivarsitii Boongaattii bakka adda bahanii turuuf qophaa'ee keessa galusaanii himaniiru.
Kana malees, namoonni nama du'e waliin hidhata qaban hundis bakka itti adda baafamanii turan galfamu himaniiru.
Namni reebichaan ajjeefaman kunis qonnaan bulaa ta'usaaniifi vaayirasichaan akkamiin akka qabaman akka hinbeekne dubbatu obbo Zarihuun.
''Namni kuni ganda keessa jiraataniilleen bahanii hinbeekan jedhamu garuu vaayirasichi eessaa akka isaan qabee baruun rakkisaadha,'' jedhu.
Kana duras achuma Aanaa Dechaa Mandara Baahaatti namni daandiirra jiraatu tokko lubbinsaanii erga darbee booda qorannoon reeffaa taasifameef koronaavaayirasiin qabamunsaanii baramu Obbo Zarihuun ni yaadatu.
Hojii gaggeessaan kuni, ''vaayirasichi hawaasa keessa galuun, garuu kan dabarsan malee kan mallattoo dhukkubbii agarsiisan akka hinjirree kan mullisuudha,'' jedhu.
Weeraricha ittisuuf hojiiwwan garaa garaa raawwataa jiraachu kan himan Obbo Zarihuun, maddi vaayirasichaa yoo adda hinbaane ammoo hojiisaaniitti danqaa ta'u dubbatu.
Haa ta'u malee weeraricha ittisuuf hojiin hojjatamaa jira jedhu.
Hanga ammaatti namoonni vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'ee lamadha. Isaanis erga du'aan booda qorannoo reeffarratti gaggeefameen kan barame.
Haa ta'u malee Godinichatti namoonni vaayirasichaan qabaman yoo dabalan eddoo gahaan qophaa'ee jiraachuu ilaalchisuun gaaffii dhiyaateefiin, Obbo Zarihuun namoota tuxuqqaa qaban adda baasuun keessa tursiisuuf eddoon Yunvarsitii Boongaatiin qophaa'usaa fi namoonni mallattoon irratti mullatu yoo jiraatees achu tursiisuuf yunivarsiticha keessatti gamoon tokko qophaa'u himaniiri.
Namoota vaayirasichi irratti argamu wallaanuuf jidduugalli wallaansaa Boongaatti qophaa'aa kan jiru yoo ta'u, bu'aan qorannoo harkifachuunsaa danqaa itti ta'u dubbatu hojii gaggeessaan kun.
Kana malees oggeessoota fayyaa vaayirasicha irraa ittisuuf hirrinni dhiyyeessitii meeshaalee jiraachusaa Obbo Zarihuun ni dubbatu.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














