Koronaavaayiras: Itoophiyaatti namootni haaraan 169 Covid-19’n qabaman, duuti tokko galmaahe

Ogeeyyii fayyaa

Madda suuraa, STR

Sa’aatii 24 darban keessatti saamuda namoota 5, 798 qoratame keessaa namootni 169 Covid-19’n qabamuu Ministeerri Fayyaa fi Inistitiyuutiin Fayyaa Hawaasaa ibsa waloon beeksisaniiru.

Kunis lakkoofsa namoota hanga ammaatti qabamanii 1,805 gaheera.

Qorannoo kanaan kanneen vaayirasichi keessaatti argame keessaa dhiirri 111 dubartiin ammoo 58

Akka gabaasa kanaatti daa’ima ganna tokko irraa kaasee hanga manguddoon ganna 78 vaayirasichaan qabamaniiru.

Lammii Ameerikaa tokkoon alattis hunduu lammiilee Itoophiyaati.

Namoota haaraa qabaman kana keessaa 138 Finfinnee, 11 Oromiyaa, jaha Amaaraa, Shan Somaalee afur uummatoota Kibbaa, afur Tigraay irraayi fi tokko ammoo Hararii irraayi.

Sa’aa 24 darbe kan bayyanatan 12 ta’ee, namootni hanga ammaa bayyanatan 262 gahaniiru.

Haaraa kan duute dubartii ganna 35 yoo taatuu erga lubbuun darbee qorannoo reeffaa taasifameen vaayirasichaan qabamuunmirkanaa’e.

Hanga ammaa lakkoofsi namoota du’aniis 19 gaheera.

Namootni haaraa qabaman guyyuu dabalaa jiraachuun yaaddessaa ta’uu ibsa kana keessatti himamee jira.

Dabalataan ammoo kanneen seenaa imalaa hin qabne akkasumas tuttuqqaan nama duraan qabamuun isaa beekame waliin qaban adda kan hin baane ittii dabalaa dhufuun yaaddo dabaluu ibseera.

Kanaaf hawaasni of eeggannoo isaa caalmaatti dabaluu akka qabu akeekkachiiseera.

Oromiyaa

Namoota haaraa 169 akka biyyaatti qabamuun isaanii mirkanaahe keessaa 11 Oromiyaa keessatti argamu. Namootni hangi kun qabamuun kan mirkanaahe wiirtulee qorannoo Oromiyaa keessa jiran keessatti saamuda 887 sa'aa 24 darban qoratame keessaati.

Namootni haaraan qabamuun isaanii mirkanaahe keessaa shan seenaa imalaa hin qaban. Tuttuqqaan nama jalqaba qabame waliin qabanis adda hin bane.

Namootni shan Adaamaa, Lama Buraayyu, yoo ta'an Shawaa Lixaa, Shawaa Bahaa fi Sabbataan tokko tokko galmeessisan. Namni tokko akka biyyatti vaayirasichaan du'uun gabaafame Oromiyaa keessaa taatus, teessoon ishee eessa akka ta'e qoratamaa akka jiru Biiroon Eegumsa Fayyaa Oromiyaa ibseera.

Namni erga duutee vayirasii kanaan qabamtee akka turte beekamte kun dubartii ganna 35'ti. Tibba kana namootni sababa dhibee kanaan du'uun isaanii gabaafame harki caalaan manatti du'anii reeffi isaanii qorannoof yoo deemu vaayirasichaan qabamuun mirkanaahe.

Oromiyaa keessatti hanga ammaatti namootni vaayirasichaan qabaman 103, kan lubbuun darbe ammoo sadiidha.