Pirezidaantota Ameerikaa rakkoo fayyaasaanii uummata dhoksan

Miidiyaaleen Ameerikaa Tiraampi qoratamuun koroonaavaayirasiin qabamuusaa barus yeroo miidiyaa ‘Fox News’ irratti dubbachaa turan akka uummatatti hin himne gabaasaa turan.

Pirezidaantichi vaayirasichaan qabamuunsaanii yoo dhagahamu kallattii garaagaraan qeeqa kaase. Garuu seenaa Ameerikaa keessatti waa’ee fayyaa pirezidaantii odeeffannoo wal dhahu kennuun kan Tiraampi isa jalqabaa miti.

Pirezidaantotni Ameerikaa waa’ee fayyaa isaanii uummata jalaa yeroo dheeraaf dhoksaa turan.

Bara 1813 Jeemsi Madisan miseensota kongiransiitti akka isaan waliin wal arguu hin dandeenye hime. Garuu waa’ee fayyaa isaa ilaalchisee dhukkuba mar’immaan isaarra mudates tahe qaama gubaa ji’a tokkoof isa dhukkube qabu ture ilaalchisee homaa hin himne.

Bara 1893 pirezidaanti GirooverKiliivlaandi kaanserii afaanii dhukkubsatee yaalii argachaa ture. Garuu dhukkubsatee tajaajila baqaqsanii yaaluu argachuuf jedhu uummatati himuu hin barbaanne. Bakka odeeffannoon dhoksaan bahuu danda’u hospitaala deemuu jalaa miliquuf doonii hiriyaasaa tokko keessatti tajaajila baqaqsanii yaaluu hakiimonni dhuunfaasaa taasisaniif.

Dhimmi baay’ee beekaman ammo kan Firaankiliin Ruuzveltidha. Ruuzvelti bara 1933 hanga 1945tti pirezidaantii Ameerikaa tahuun bulchaa turan.

Pirezidaantichi meeshaalee deeggarsaa malee miila isaaniin deemuu hin dandeenye ture. Waayit Haawus odeeffannoo miilli isaa laaamsha’uu uummatarraa dhoksuuf yaalte.

Pirezidaantii dargaggeessa Ameerikaa kan ture Joon F Kenediin dhukkubsachuun isaa waggoota baay’eef hin baramne ture.

Dhukkuba Adisansi kan xannacha aariidhaan kaleen oltti umamuun miidhamuu irraa dhufuun kan wal qabate ture dhukkubni isaa.

Pirezidaantiin dhukkubsachuun hojii yoo dadhabe maaltu taha?

Dhukkubni koroonaa waan haaraa fide. Garuu waajjira pirezidaantii eeguun waan seera baaftotni karoorsanii fi hojiirra oolchanidha.

Bara 1980 keessa pirezidaanti Roonaaldi Reegan itti aanaa isaa kan turan Joorji W Bush yeroo lamaaf bakka buusuun yaalamaa turan.

Bara 2000 keessa pirezidaanti Joorji W Buush akkasuma itti aanaa isaa bakka buusee ture.

Bara filannoo keessa dhukkubni tasaa akkasii yoo dhufe namoota muraasatu diraamaa Teedii Ruuzvelti darbuu danda’a.

Teedii Ruuzvelti duula filannoo irratti osoo hirmaatuu xumura torban 1912 keessa erga rukutameen booda uummataaf dubbii daqiiqaa 84 taasiseera.

Tiraampis umurii isaan yoo ilaalamu nama koroonaaf saaxilamu akka tahe himama.

Amma gaaffiin deebii barbaadu yoo kana caalaa pirezidaantichi kan dhukkubsatu tahe filannoo gahaa jitu kana irratti maaltu taha kan jedhudha.