Covid-19: Fayyaan Doonaaldi Tiraampi maal irra akka jiruufi qoricha ittiin yaalamaa jiran Hakiimota isaanii irraa

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiifi haatii warraasaanii Giifti duree Meelaaniyaa Tiraampi Covid-19 qabamunsaanii erga dhagameen booda, waa'een fayyaasaanii ijoo dubbii addunyaa ta'eera.

Ofii fayyaan Tiraamp maalirratti argamaa? Gareen wallantootaa pirezidaantichaa ibsa kennan.

Gareen wallantoota Doonaald Tiraampi erga inni Covid-19 qabamee hospitaala galeen booda haala fayyina irratti argamu ilaalchisuun ummataafi ibsa tasisaniin, ''Haa fayyina isaatti baayyee gamadnee jirra'' jedhan.

Gareen wallaantoota Mr Tiraamp, kan Dr Shoon Kaanilii hakimii pirezidaantiichaa kan dhuunfaa kan ta'aniifi doktaroonni biraa ibsa waliin ta'un har'a fuuldura Jidduugala Wal’aansa Waraanaa Waaltar Riid kan Waashingitan keessatti kennaniin sa'aatiiwwan 72 darbaniif haala gariirratti argama jedhan.

Akka gareen wallantootaa kunneen jedhaniitti Tiraampi baayyee haala gaariirratti argamuun alatti, ''miira sammuu gaarii ta'eerratti'' argamu.

Keessatti dhiibeen koronaavaayirsi guyyoota jalqabaa torbaa hanga 10 kan cimu ta'u kan eeran Dr Shiin, haa ta'u malee ''haalla pirezidaanitich amma irratti argamutti aniifi gareen wallaansaa baayyee gammanneera'' jedhan.

Hakimiin gara biraa akka dubbataniitti, hanga ammaatti kaleen, sirni argansuufi kan biraa pirezidaantichaa nagaadha jedhan.

Itti dabaluunis ''ammaan tana Tiraampi oksijiiniitti fayyadamaa hin jiran. Afuura baafachuutti rakkataa hin jira. Sirriiyyu ka'anii asiifi achi deemaa jiru'' jedhan.

Miira gaarii ta'eerratti argamusaanii kan himan garee walaantootaa kunneenis, ganama wayita dhukkubsattoota irra naannawuun doowwataniitti, ''ani amma bahee deemuu sadarkaan danda'urrattiin argama'' jechuu himan.

Talaalliin dooziin inni jalqabaa kennamuufii himan gareen wal’antootaa kunneen, guyyoota dhufan shananiif kan itti fufuu ta'uu ibsaniiru.

Kanaafuu ''karoorri keenyaa har'aa erga inni miira cimaa akkasii keessa ta'anii akka dhugaaniifi nyaatan, dhangala'aa baay’iaan akka fudhatan, akkasumas waan hojjachuu barbaadan akka hojjataniif jajjabeessuudhas'' jedhan.

Hunda caalaa ammoo ''Pirezidaantichi sa'aatiiwwan 24'f ho'a qaamaa homaa hin qaban'' jedhe hakimiin dhunfaa isaanii Dr Shiin.

Walumaagalattis haalli fayyinaa Mr Tiraampi irratti argamu gaarii yoo ta'u, nutis of eeggannoo hordofaa jirra jedhan.

Doonaaldi Tiraampi Qoricha Akkamiin Yaalamaa jiru?

Miidhaa vaayirasici qaama isaa irraan gahu xiqqeessuf jecha hanga ammaatti yaaliin teeraappii si’a lama pirezidaanti Tiraampiif kennameera.

Waayit Haawusii osoo hin bahiin dura qorichi farra dhukkubootaa kan kan kennameef yoo tahu amma akka hakiimni isaa jedhetti ammo farra vaayirasii kan tahe remdisivir kan jedhamu fudhachuu hime.

Qorichi dura karaa lilmoo kennameef kaampaanii qoricha oomishu Regeneron jedhamuun kan qophaa’e yoo tahu farra ittisa dhibee garaagaraa lama irraa hojjetame.

Kunis qaamni keenya akka dhibee ofirraa ittisuu danda’udha kan gargaaru.

Farri dhukkubaa kennameef kun qaama keessa galuun hanga seelotaatti vaayirasichi akka ittisa qaamaaf mul’atu taasisu. Kunis ofirraa ittisuuf kan gargaarudha.

Bu’aa qabeessa taha jedhamee abdatama. Hanga ammaatti garuu dhukkubsattotaaf kennamee sadarkaa murtaa’e irra waan jiruuf ammas yaaliif kan kennamedha.

Hopitaalota UK keessatti dhukkubsattoota koroonaavaayirasii irratti yaalamaa ture.

Remdisivir farra vaayirasii jalqaba Iboolaa ittisuuf qophaa’e ture.

Kunis vaayirasichi akka wal hin horreefi hin babal’annef kan ooludha.

Akka namoota 1000 irratti yaalametti guyyaa namni tokko vaayirasicha irraa itti bayyaannatu guyyoota 15 irraa gara guyyota 11 gadi xiqqeessera.

Qorannoon ammas itti fufee jiraatus fayyisee garuu lubbuu hin oolchine.

Ameerikaan waan kaampaaniin Gil’aad oomishe hunda yoo bitattu kaampanichi hanga tahe ammo Kooriyaa Kibbaaf gumaachera.