Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Tiraamp ''guyyoonni dhufan muraasni kan qormaata dhugaati'' jedhan
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haala gaarii irratti akka argaman himuun garuu 'guyyoonni muraasni dhufan yeroo qormaata dhugaa tahu' jedhan.
Viidiyoo eda galgala Tiwiitera isaanii irratti maxxansaniin waa’ee fayyaa isaanii ergaa miira wal makaa qabu ibsaniiru.
Hakiimni Tiraampi akka jedhanitti pirezidaantichi erga qoratamanii vaayirasii koroonaan qabamuunsaanii mirkanaa’een as fooyya’aa jiru.
Tiraampi halkan lammaffaa hospitaalatti dabarsaa jiru. Dr Shiin Kolonii waa’ee fayyaa pirezidaantichaa irratti ibsa kennaniin ‘’amma guutummaatti yeroo qulqulleesinee dubbannu tahuu baatuyuu gareen isaanii abdii gaarii akka qaban’’ himaniiru.
Ergaa viidiyoo daqiiqaa afurii maxxanfame irratti Tiraampi suufii karabaataa malee uffachuun yoo dubbatan dookterootaa fi narsoota hospitaala ciisanii yaalaman ‘Reed National Medikaal Center’ jedhamuu galateeffataniiru.
" Miira gaariin waan natti hin dhagahamneef asan dhufe, ergan dhufee amma fooyyee gaarin qaba,’’ jedhan. Itti dabaluun ‘’ guyyoota muraasa itti aananiif qormaata dhugaa tahuu mala, guyyoota dhufan kanneen keessatti maal akka tahu ilaalla,’’ jedhan
Duula na filadhaa irratti hirmaachuuf akkafedha qabanii tures himaniiru. Tiraampi filannoo pirezidaantummaa Sadaasa 3 bara 20202 gaggeeffamuuf Joy Baayiden waliin morkatu.
Koroonaavaayirasiin qabamuun isaanii karaa Tiwiiterii ibsuun duulli na filadhaa isaaniis addaan cite. Dabalataan guyyaa filannoon dura abbaa seeraa haaraa akka mirkanaa’uuf gochuuf kan yaalan irrattis shakkii uumera.
Haala Fayyaa Tiraampi maal beekna?
Sanbata ganama Dr Koniliin pirezidaantichaaf hanga ammaatti gargaarsi oksijinii hin kennamneef, akkasumas sa’a 24 darbaniif qaama gubaa irraa bilisa turan jedhan.
Akka ibsa Waayit Haawusitti pirezidaantichi guyyoota itti aananiif achuma hospitaala Walter Riid jedhamu keessa tursiifamuun yaalamu.
Hakiimni kun akka jedhanitti fooyyee fayyaa isaanii irratti abdii guddaa qabu garuu yoom akka fayyanii hospitaalaa bahan irratti hin dubbanne.
Dursaan Waayit Haawus Maarki Miidoo ammo fayyaa pirezidaantichaa ilaalchisee akka yaaddoo qaban himuun ammayyuu fooyyee agarsiisan hin qaban jechuun dubbatan.
Miidiyaaleef akka himanitti mallattoleen fayyaa pirezidaantichaa sa'a 24 darbanii ''kan nama yaaddessu'' qaba. ''Kan sa'a 48 itti aanani ammoo baay'ee murteessaa taha,'' jedhan.
Tiraampi namni ganna 74, namni furdina akka malee keessatti argamu ammoo koroonaavaayirasiif saaxilamaa akka tahetti himamam.
Hanga ammaatti qorichoota akka remdesivir jedhamaniin yaalameera jedhan.
Hakiimni isaan yaalu deeggarsa hargansuu oksijinii akka hin taasifneef himanis miidiyaalen Us akka gabaasanitti ammoo gara hospitaalaa geeffamuun dura pirezidaantichaaf Waayit Haawus keessatti deeggarsi hargansuuu oksijinii kennameera.
Rakkoo hargansuu qabaachuunsaanii ifatti wanti barame hin jiru.