Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaa: Doktarri dhuunfaa Pirezedant Doonaald Tiraamp eenyudhaa?
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp koronaavaayirasiin qabamuu isaanii hordofee maqaan nama tokkoo qalbii ummataa hawwateera. Innis Dr. Shoon Koonilii jedhama.
Ogeessi fayyaa umuriin isaa ganna 40 ta'e kun doktara dhuunfaa Pirezidaant Doonaald Tiraamp yoo ta'u, Waayit Hawusittis kabaja doktorummaa argateera.
Doktarri kun Waayit Hawus keessatti kan qacarame wagggoota lamaan dura ture.
Bakka doktarichi amma irra hojjechaa jiru kanaaf kan kaadhimamee ture nama waajira miseensota raayyaa duraanii Ameerikaa akka gaggeessuuf filataman Dr. Roonii Jaaksan ture.
Haata'u malee, yakkawwan gara garaa irratti kaasuudhaan Dr. Jaaksan kaadhimammurraa of dhorkaniiru.
Dr. Koniliin malawwan wallaansaa filannoowwan biroo fayyadamuun beekama.
Dhala namaatiif qoricha qofa osoo hin taane jireenyi dhuufnaa, sirna nyaataafi haalli naanno dhiibbaa ol-aanaa waan uumaniif isaan mara ilaalcha keessa galchuudhaan wallaansa waliigalaa taasisuun beekama.
Mala wallaansa waliigalaa Osteeyoopaatik jedhamuunis beekamtuu guddaa ogeessa argatedha Dr. Shoon Koonilii.
Doktarummaatiin Waayit Hawus keessatti osoo hin qacaramiin kutaa wallaansa atattamaa Humna Galaanaa keessa doktarummaan tajaajileera.
Itti aansuun ammoo human NATO biyya Afgaanistaan jiruuf Hospitaala NATO keessas hojjeteera.
Doktar Koolilii Teniislivaaniyaatti kan dhalatan yoo ta'u, bara darbe Pirezedaant Doonaald Tiraampiif qoricha dhibee busaa fayyisu Haydirookiloorookinii fudhachuu isaanii ifa gochuu isaa hordofee dubbii ijoo miidiyaalee hedduu ta'ee ture.
Doonaald Tiraamp dabalatee gaggeessonni biyyoota gara garaa Hayidirookiloorookiniin qoricha koronaavaayirasiidha jedhanillee hanga ammaa ragaan wanti mirkanaa'e hin jiru.
Haata'u malee, doktarri Pirezedaant Tiraamp, Dr. Koonilii, Hayidirookiloorookiniin miidhaa maddee qabaatu caalaa faayidaa isaatu caala jedhee ture.
Guyyaa kaleessaa garuu Tiraamp qoricha kana hin fudhatan jedheera.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras