Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraasaanii Covid-19’n qabaman
Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampiifi haatii warraa saanii Meelaaniyaa Tiraamp Covid-19n qabaman.
Erga gargaartuun isaa koronaavaayirasiin qabamuun baramee booda adda of baasuun turuun himamee ture.
Haata'u malee, Tiraamp erga karaa tiwiitara isaanitiin dabarsaniin, ''Qorannoo galgala kana nuuf taasifameen Covid-19n qabmuun kiyya mirkanaa'eera,'' jedhan.
Itti dabaluunis, adda of baasnee turuudhaan adeemsa dafnee bayyanachuu keenya itti fufnas jedhan.
Tiraapm dorgommii pirezidaantummaa marsaa lammaffaatiif falmii isa jalqabaa dhiheenya taasisanii, haasaan isaanii mata-dure dubbii midiyaalee ta'ee ture.
Maaltu mudatee?
Doonaald Tiraamp gargaartuun isaanitti dhiyoo taate koroonaavaayirasiin qabamuusheetiin giifti duree US waliin adda of baasuu isaanii beeksisani.
Gargaartuun isaanii Hooppi Hiiksi erga vaayirasichaan qabamuun baramee booda isaaniifi Melaaniyaa Tiraampi bu’aa qorannoo isaanii eeggachaa akka jiran Tiwiitara gubbaa barreessani.
Dubartiin ganna 31 Hiiksi gargaartota Tiraampitti hedduu dhiyaatan keessaa tokko yoo taatu, falmii TV jalqaba torbee kanaarra taasifameef gara Ohaayootti isaan waliin deemtee turte.
Miisis Hiiksi maaskii malee wayita xiyyaara ‘Airforce one’ irraa buutu suuraan agarsiisaa ture.
Miinesootaatti wayita duula nafiladhaa geggeessaa turanitti ammoo, xiyyaara keessatti badaa itti dhiyaattee taa’aa akka turte himama.
‘‘Boqonnaa malee hojjachaa kan turte Hooppi Hiiksi, Covid-19 qabamtee jirti. Waan badaadha!,’’ jedhani Tiraamp Tiwiitar gubbaa.
Dabalataanis, ‘‘Aniifi Giifti Dureen bu’aa qorannoo keenyaa eeggachaa hagasittis adda of baafnee jirra,’’ jechuun himan.
Adda of baasuun isaanii falmii TV lammeessoo Onkoloolessa 15 Maayaamii Filooriidaatti taasifamuuf karoorfatame akkamiin huba kan jedhu hin baramne.
Af-gaaffii Fox news waliin taasisaniin, Hooppi yeroo baay’ee akka isaan waliin dabarsitu kan himan pirezidantichi, ‘‘osuma maaskii kaawwattu qabamte, garuu waan tau walumaan agarra,’’ jedhani.
Dhibeen kun haga yoonaatti namoota miiliyoona 7.2 kan qabe yoo ta’u, isaan keessaa kuma 200 kan caalan galaafateera.
Tiraampi maaskii kaawwachuu kan hin jajjabeessine yoo ta’u, yeroo hedduus gargaartota isaanii waliin akkasumas wal-ga’iiwwan irratti namootaan walitti dhiyaachuun beekamu.
Akka odeessi Bloomberg jedhutti ammoo, Miis Hiiksi wayita Minesootaadhaa deebi’an mallattoolee dukkubichaa agarsiisaa waan turteef adda baafamtee turte.
Hooppi Hiiksi eenyudha?
§ Giriinwiich Koonneektiikatitti guddatte
§ Shamarrummaatti moodeela kan turte yoo ta’u, beeksisa Raalfi Looran irratti si’a tokko hirmaatteetti.
§ Dhaabbata biizanasii Ayivaankaa Tiraampi hogganuufi qaama biraandii Tiraampi ta’e keessatti dubbi himtuu ta’uun hojjatteetti
§ 2014’tti Dhaabbata Tiraampi kan seente yoo ta’u, wagga tokko booda Tiraampi muuxannoo siyaasaa gara garee duula nafiladhaatti ishee galchan.
§ Pirezidantichaan maqaa masoo ‘‘Hooppistar’’ jedhuun kan waamamtu yoo ta’u, gargaartota isaanitti dhiyoo ta’aniifi ittiin falmachuun hanga yaada isaan jijjiirsisuu ga’an keessaa tokkodha.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras