Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo US 2020: Eenyutuu mo'ata laataa, Tiraamp yknis Baayidan?
Filannoo Ameeriikaa addunyaan qalbiin eegaa jiru Sadaasa 3, 2020tti xumura argata.
Egaan guyyaan kun kan itti Tiraamp waggoota dhufan afuriif Waayiti Hawuusii turuufi Baayidaniitti dabarsuun isaan kan itti baramuudha.
Pirezidaanti Tiraamp Riippablkaanoota bakka bu'uun, Joo Baayidan ammoo warra Dimokraatotaa bakka bu'uun garaa garummaa sagalee muraasaan wal sardaa jiru.
Joo Baayidan itti aanaa pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa ta'uun tataajijlaniiru. Bara 1970n irraa kaasanii siyaasa Ameerikaa keessatti kan beekamaniidha.
Osoo filannoon hinjaqabiniin dura taanaan dorgommii kaadhimamtoota kanneen jidduutti taasifamaa ture salphaa hinturre.
Kaadhimamaa kam filattu kan jedhurratti dhaabbileen sagalee walitti qabanis yeroodhaa gara yerootti tilmaama ture ifa taasisaa turan.
Gaaffiin Donaald Tiraamp aangoosaanii dabarsanii keennumoo itti fufuu laata? jedhu kan itti adda bahuu Sadaasa sadiidha.
Kaadhimamaa Paartii Dimokiraatootaa kan ta'an Joo Baayiidan waliin kan dorgoman pireezidaant Tiraamp Sadaasa 03, 2020tti itti fufuufi aangoosaanii dhabuu kan beekan.
Joo Baayidan bara 1970moota keessaa qabanii waa'ee siyaasa biyyatti sirriitti kan hubataniidha. Tiraampiin duras bara bulchiinsa Baaraak Obaamaatti itti aanaa pirezidaantii ta'uun tajaajilaniiru.
Egaan bu'aan dorgommmii namoota siyaasaa gameeyyii kun kan itti baramu Onkololeessa 24 ta'a.
Haa ta'u malee dorgommiifi dullii na filadhaa akka biyyoota Itoophiyaafi kaanitti tibba sana qofa miti kan gaggeeffamu. Kenniinsi sagalee filannoon duraas jira.
Dhaabbileen sagalee kaadhimamtootaa walitti qabanis Ameerikaanoota eenyu akka filachuuf karoorfatan sagalee walitti qabuun filannoon dura ifa taasisu.
Amma dorgommii filannoon duraa kanaa eenyutu dursaa jiraa lata? Tiraamp ykn Baayidan?
Sagaleen filannoon dura walitti qabamu kunis kaadhimamaa kamiitu caalaa ummata biratti fudhatama qabaa isa jedhu kan agarsiisuudha.
Garuu mo'ataan filannoo eenyuudha kan jedhu sana qabatamaan kan tilmaamuu ta'u dhiisuu danda'a.
Fakkeenyaaf, bara 2016tti Hilaarii Kilintan dorgommii filannoon duraatiin Tiraampiin dursaa turte. Haa ta'u malee guyyaa filannichaatti osoo hin mo'atiin hafuunshee ni yaadatama.
Kana malees guyyaadhuma filannoo sanatti mataasaa Hilaariin Tiraampiin caalaa sagalee miliyoona sadii argattee akka turte ni yaadatama.
Haa ta'u malee sirna 'electoral college' biyyattiitti namni sagalee baayyee argateetu mo'ata jechuu miti.
Dorgommii filannoon duraa bara kanaatiin Joo Baayideen pirezidaanti Donaaldi Tiraampiin dursaa jiru. Haala sagalee walitti qabameettis Baayidan yoo xinnaate qabxii 10niin caalmaa qabu.
Kutaaleen biyyaa falmiin guddaan itti gaggeeffamu kami?
Muxannoo filannoo Ameerikaa bara 2016 irraa lammiileen biyyattiifi addunyaan sagalee olaanaa argachuun, mo'ataa akka nama hintaasifne barateera.
Ameerikaa keessatti dorgomaan siyaasaa tokko mo'aataadha kan jechisiisan kutaaleen biyyaa (states) murteessoon jiru. Dorgomtoonni pirezidaantummaas bulchiinsoota kanneen keessatti mo'achuun cimanii hojjatu.
Kutaaleen biyyaa Ameerikaa sagalee waliigalaa 538 qoodachuun qabatu. Haa ta'u malee sagaleewwan kunneen bulchiinsoota 50n keessatti haala walqixa ta'een kan qoodaman miti.
Bulchiinsoonni jidduugala filannoo jedhaman sagalee kan kaan caalu qabatu.
Haaluma sagalee hanga ammaatti walitti qabameenis Joo Baayidan bulchinsoota akka Miichigaan, Pensiilvaaniyaa fi Wiiskonsiin jiran keessatti fudhatama fooyya'aa argataniiru.
Filannoo darbee irratti garuu Tiraampi sagalee bulchiinsoota kanneen irraa walitti qabatanii garaa garummaa sagalaa baayyee xiqqaan Hilaarii kan mo'atanii turan.
Joo Baayidan bulchiinsoota kanneen qofaatti osoo hinta'iin bulchiinsoota filannoo darbeen handhura Tiraamp jedhaman kan akka Ohaayoo fi Teeksaas keessattilleen fudhatama gaarii argataniiru.
Dorgommii marii duula na filadhaatiin eenyuutuu mo'atee ture?
Doonaal Tiraampiifi Joo Baayidan mariiwwan na filadhaa TV lamarratti kallattiin waliin dhiyaachuun kokkee wal qabanii ture.
Marii jalqaba Fulbaana 29 gaggeeffamee tureerratti adeemsa haasaa Mr Tiraampi Joo Baayidan akka hindubbannee dhorkaa tureetiin kan ka'ee mariin dhugaa osoo hingaggeefamiin hafeera.
Erga alkan suun Baayidaniif gaariidha ta'unsaa yaadameen booda kallattiin sagaleen kannameera.
Haaluma kanaanis jiraattoota isteetiiwwan dorgommii cimaan itti gaggeefamu irraa kallattiin marii sana TV irratti dowwataa turan keessaa %48 Mr Baayidan akka mo'atan yoo himan kan %41 ta'an ammoo Mr Tiraampitu mo'ata jedhan.
Akkasumas namoonni %71 ta'an mariicha akka isaan aarse himaniiru.
'snap CNN Poll' ammo Mr Baayidaniif sagalee mo'ichaa olaanaa kenne. Namoota %60 ta'u Baayidantu mo'ate yoo jedhan kan %28 ta'an ammoo Mr Tiraampitu mo'ate jedhan.
Dorgommii marii marsaa lammaffaa Onkololeessa 22 gaggeeffameen qopheessitoonni akka haasaa hinbarbaachifnee dhorkaniif mala calsiisuu kaa'anii ture.
Inni caalaa Mr Tiraampiin dhorkuun akka caalaa imaammatawwan dorgomtootaa irratti xiyyeeffatan gargaareera.
Kun Mr Tiraampi akka sirriin dorgoman argasiisuulleen haalli ittiin Baayidan dorgommicha irratti yaada kennan badaa kan harksu miti jedhan kanneen hordofaa turan.
Sagaleen CNN walitti qabee garuu Joo Baayidaniif %53 yoo kannan Tiraampiif ammoo %39 argatan. Kunis Mr Baayidaniif dursa qabxii olaanaadha. Ta'ulleen kan duraa irraa gadi bu'anii mullatanii ture.
Sagaleen 'YouGoy Snap poll' jedhamuun walitti qabamees waluma fakkaataadha. Mr Baayidaniif %54 fi Tiraampiif % 35 kennamu hime.
Kanaafuu Mr Tiraampi osoo haala gaariin hojjatanii madaalli dorgommii geedaruuf carraa olaanaan jiraachusaa kan mullisuudha.
Tiraampiifi Koronaavaayiras
Pirezidaanti Tiraampi guyyaa Onkolaaleessa 02 ture karaa ergaa Tiwiitara mataasaanitiin inniifi haatii warraasaanii Covid-19 qabamu kan ifa taasisan.
Ameerikaa keessatti jalqaba baraa kanaa irra kaasee Covid-19 dhimma ijoo ta'ee kan ture yoo ta'u, booda keessa ammoo erga mata dureen gara erga ooggannttuun Mana Marii Olaanaa biyyatti bara dheeraaf tajaajilte Fulbaana keessa boqatteen booda gara sanatti naannawame.
Kanaafuu Mr Tiraampi koronaavaayirasiin qabamunsaa rakkina biyyatti ta'un lammiilee biyyatti kuma 200 lubbusaanii kan ittiin dhaban weerarichaaf deebii kenne.
Akkuma yaadamu yaadni Tiraampi kennaa jiruufi tarkaanfiin koronaavaayirasiif fudhataniin wal qabatee baayyee akka qeeqaman taasiseera.
Tiraampi baatii Bitootessaa keessa sababii koronaavaayirasitiin, wayita labsiin yeroo muddamaa biyyaaleessaa labsameetti fudhatamnisaa dabalee ture.
Tibba sanattis namoonni %55 ta'an isaaf sagalee kennuu akka danda'an dhaabbanni sagalee walitti qabu tokko beeksiisee ture.
Haa ta'u malees sagaleen dhiheenya kana walitti qabamee tokko akka mul'iseetti ammoo, deeggartoota rippablikaanoota dabalee Tiraampi irraa fuula garagalfataa jiru.
Kanaaf yeroo dhihoo asi Tiraampi ejjannoo weerara koronaarratti qabu laaffisuun, maaskii fa'i uffachu kan eegale jechuun dubbattu ogeessoonni.
Dorgommiin filannoon duraa Joo Baayideeniif kan tolte fakkattuulleen, ammoo tibba filannootti dhiyaatamu haalli geeddaramu danda'a ta'a.
Kanaaf egaa namoonni baayyeen dorgommii filannoon duraa haa hafuutii filannoodhuma Onkololeessa 24 irratti wal haa agarru jechaa kan jiran.