Filannoo US: Dimokiraatotni filannoo 2020 ilaalchisee dubbii Obaamaan dubbateef deebii kennan

Kaadhimamtootni paartii Dimokiraatotaa akeekkachiisa pirezidaantiin duraanii Baaraak Obaamaan siyaasa biyyittii keessatti akka malee mormii irratti xiyyeeffattan jechuun dubbataniif deebii kennan.

Dorgommii eenyu filannoo bara 2020 irratti Pirezidaanti Tiraampi morkata kan jedhu irratti Dimokiraattotni ammayyuu dorgommii irra kan jiran yoo tahu as gidduutti ture Obaamaan yaada kana kan kenne.

Dimokiraatotni gariin tokkummaa paartii isaaniif waamicha yoo taasisan kaan ammoo imaammata isaanii ilaalchisuun deebii kennaniiru.

Kaadhimamtootni 20 kan hafan yoo tahu akkamiin Tiraampiin dorgomna kan jedhu irratti nama xumuraa murteessuuf ammayyuu falmii cimaatu gaggeeffama

Fooramii galii walitti qabuu Waashingitanitti gaggeeffame irratti kaadhimamtootni imaammata ''hojii qabatamaatti'' jijjirruu hin dandeenye irratti akka hin xiyyeeffanne akeekkachiise.

Obaamaan bara 2009 hanga 2017tti pirezidaantii Ameerikaa tahuun tajaajilaa kan turan yoo tahu ''lammiileen Ameerikaa caasaan jiru guutummaan akka badu miti kan barbaadan'' jedhan.

''Ammayyuu biyyi kun warraaqsa xiqqaa irra jirti malee fooyya'insa miti kan barbaaddu'' jedhan.

Pirezidaantiin itti aanaa duraanii Joy Baayiden fi senaaterri Elizaabeet Waareen akkasumas Barnee Saanders Dimokiratota keessaa kanneen dorgommichaaf fuuldura irra jiran yoo tahu Obaamaan ammayyuu eenyuun akka deeggaru ifatti hin ibsine.

Kaadhimamtootni Dimokiraatotaa ifatti yaada Obaamaa kana mormuu baatanis Barnee Sanders garuu Imaammata isaa irratti cichuun deebii kenneerra.

Sanders gaaffiif deebii Televizhinii Yuunivizhin jedhamu irratti taasiseen, yaada Obaamaa dubbate sirriidhaa? jedhamuun gaafatamee ''caasicha guutummaatti diiguu'' yaadni jedhu maal jechuu akka tahe irratti hundaa'a yaadni koo jechuun deebise.

Ajandaan nuyi qabnu ajandaa hojjettotni bal'aan deeggaranidha jedhe.

''Yeroon galii guyyaa isa xiqqaa jireenya namaaf barbaachisu guddisuu jedhee haasa'u caasaan diigaa jira miti. Haqaafan falma malee''

Kan biraan dorgommii pirezidaantummaaf dursaa jirtu Elizaabeet Waareen yaada tokkummaa dubbachuun imaammata fayyaa Obaamaa 'the Affordable Care Act.' dinqisiifatteetti.

Waan pirezidaantiin duraanii Obaamaan hojjetan dinqisiifachuun barbaadas jette.

Yeroo namni kamiyyuu ni taha jedhee hin yaadnetti imaammata fayyaa miliyoonota fayyade baasuun hojii irra oolcheera jette.

Senaaterri New Jersey Koorii Buuker amma walii keenya cabsuu dhiisnee paartii Rippaablikaanotaa mo'achuuf humna keenyu guutuun hojjechuu qabna jedhe.

Kantiibaan Saan Antooniyoo duraanii Juliyaan Kaastiroo kaadhimamtootni Dimokiraatotaa imaammata siyaasaa qaban malee iyyuu Tiraampiin ni mo'atu jedhe. Sababni isaa immoo fuulduree biyya kanaaf Tiraampi caalaa waan fooyya'aa tokko qabu jedheen amana jedhe.