Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa: Weerarri Bubooniik maali, akkamiin daddarba?
Chaayinaa keessatti namoonni weerara buboonikiidhaan qabamuu akka hin oollee qondaaltonni biyyattii shakkii qaban ibsanii turan.
Namoonni akkamitti weerara kanaan akka qabamuu danda’an waanti beekamu jiraatuu baatus, biyyattiin of eeggannoo taasisaa jirti.
Weerarri kun seenaa dhala namaa keessatti dhukkuba lubbuu namoota hedduu galaafateedha. Ammatti garuu haala salphaadhaan qorichoota farra baakteeriyaatiin fayyisuun ni danda’ama.
Weerarri bubooniik garuu maal?
Weerarri dhukkuba daddarboo baakteeriyaa Yersiiniyaa peestiisii jedhamuun kan lubbuu namaa galaafatuudha. Baakteeriyaan kunis bineensota keessatti argama.
Weerarri bubooniik dhukkuba namoonni baay’inaan nama qabu.
Maqaan isaas mallattoo dhukkubichi agarsiisuurraa kan dhufe yoo ta’u, kunis xannachoota bobaa fi morma jalattii argaman akka dhiita'an taasisa.
Bara 2010 hamma 2015’tti namoonni 3,248 guutuu addunyaarratti qabaman keessaa 584 du’aniiru.
Seenaa keessatti 'Du’a Gurraacha' jedhamee waamama ture. Kunis, du’aatii kutaalee qaamaa akka quba harkaa fi miilaatiif sababadha.
Qaama keenyarratti miidhaa akkamii fida?
Namni dhukkuba kanaan qabame eega dhukkubichaan qabame guyyoota lamaa hanga jahaa keessatti dhukkubsata.
Dhiita’uu xannachoota humna ittisa dhibee kan hamma killee hindaaqqoo gahu fi mallattoolee biroo kan akka bowwoo, ho’i qaamaa dabaluu, dhukkuba maashaa fi miirri dadhabbii namatti dhagahama.
Dabalataanis, sombarratti miidhaa geessisuu danda’a. Kunis, yeroo qufa’an lapheerratti miirri dhukkubbii namatti dhagahamuu fi harganuuf rakkachuu fa’a.
Baakteeriyaan kun dhiiga keessa seenuun dhiiga summeessa yookiin haalli ‘septicaemia’ jedhamu akka uumamu taasisa.
Summaa’uu dhiigaan immoo qaamolee hojiisaanii akka dhaabanii fi du’aaf nama saaxila.
Eessaa nama qabuu danda’a?
Namoonni wantoota kanneen irraa dhukkubichaan qabamu:
- Ilbiisni dhukkubsattuun yoo nama ciniinte
- Bineensota dhukkubsatan akka hantuutaa fa’a tuquun
- Qilleensa faalamaa nama yookiin bineensa faalamerraa bahu gara keessaa fudhachuun
Adurree fi sareen ilbiisa dhukkubsattuun yoo ciniinaman yookiin ilbiisa dhukkubsattuu nyaatan dhukkubichaan qabamuu danda’u.
Yeroo ammaa Chaayinaa keessatti namoonni bineensota weerara baadhachuu danda’an adamsanii nyaachuurraa akka of qusatan akeekkachiifamaniiru.
Reeffi nama weerara kanaan du’ee namootaa biroos dhukkubbichaan akka qabaman godhuu danda’a. Namoonni reeffa kana awwaaluuf tuttuqan dhukkubbichaan ni qabamu.
Yaala qabaa?
Dhukkubicha farra baakteeriyaatiin yaaluun ni danda’ama. Osoo hin yaalini yoo hafame immoo lubbuu galaafata.
Laabiraatooritti qorannoo dhiigaa yeroodhaan taasisuun lubbuu hambisuun ni danda’ama.
Weerarri biraa mudachuu danda’aa?
Weerarri kutaalee addunyaa adda addaa keessatti ammallee ni jira. Waggoota dhihoo as Rippablika D Koongoo fi Maadagaskaar keessatti mudatee ture.
Dr Maatiwt Diridiin Yuunivarsiitii Saawuzhaampitan irraa akkas jedhu: “Osoo weerarrichi lubbuun namoota hedduu hin galaafatin sadarkaa jalqabaarratti beekamuunsaa gaariidha.
''Kunis, akka yaalli jiraatuu fi tatamsa’innasaa ittisuuf gargaara. Weerarri bubooniik akka Covid-19 miti qorichoota farra baakteeriyaatiin yaaluun ni danda’ama.”
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras