Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gifirri qaama namaa dhibee ofirraa loluu 'dagachiisa'
Gifirri ykn Shiftoon sirna ittisa dhukkubaa qaama namaa daran akka miidhuu fi qaamni namaa waggootaaf dhukkuba ofirraa faccisuu dadhaba jedhu qorannoowwan dhiyeenya bahan.
Vaayirasiin kun "immune amnesia" namatti uumee qaamni namaa tooftaa ittiin dhukkuba ofirraa ittisu duraan beeku akka dagatu taasisa.
Dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama nama akka gaaf daa'imummaa turetti deebisa.
Argannoon kun barbaachisummaan talaalli farra Gifiraa akka dabalu taasisa jedhu ogeeyyiin.
Gifirri ykn Shiftoon maali?
Gifirri ykn Shiftoon vaayirasii nama furreessu, nama axxiffachiisuu fi ho'aa qaamaa dabalee nama dhaamochiisudha.
Guyyoota muraasa booda shiftoo fuula irratti bahee gara qaama kaanitti babal'atu namatti fida.
Namoonni hedduun Gifira irraa kan fayyan yoo ta'u kanneen miidhama qaamaa umurii guutuuf saaxilamanis jiru.
Yoo sombaa fi sammuu nama tuqe ammoo du'aafis nama saaxiluu danda'a.
Sadarkaa addunyaatti waggaa waggaan namootni 110,000 vaayirasii kanaan akka lubbuu dhaban himama.
Akkamiin qaama namaa dhibee ofirraa loluu dagachiisa?
Gareen qorattootaa Ameerikaa, UK fi Neezarlaandis, saamuda dhiiga daa'immanii kan bara 2013 weerara Gifiraa Neezarlaandis keessatti mudateen qabamanii turan irraa fudhatame qorataa turani.
Sirni qaama namaa dhibee ofirraa ittisu, dhibee tokko erga ofirraa faccisee booda akka itti faccise yaadannoo ol kuufata.
Dhukkubni sun yeroo lammataa gaaf dhufu yaadannoo sanaan waan dhukkuba sanan ofirraa loluuf ta'u ariitiin maddisiisa.
Gifirri seelota yaadannoo sana baatan haleeluun yaadannoo sana balleessa akka qorattoonni irra gahanitti.
Qorattoonni Nama barnootaa Meedikaalii Harvaard saamuda dhiiga ijoollee 77 irratti qorannoo taasisaniin seelii yaadannoo kana baatan gifiraan qabamuu duraa fi booda xiinxalanii jiru.
Bu'aan qorannichaa joornaalii saayinsii irratti maxxanfame akka himutti daa'imman kunneen yaadannoon dhibee ofirraa ittisuu qaama isaanii dhibbeentaa 20'n gadi bu'e.
Kanneen akka malee Gifiraan dhibaman ammoo hammi wanta dhibee faccisu qaamni isaanii omishu dhibbeentaa 73'n xiqqaate.
Rakkoon battalatti kan nama miidhu ta'uu baatus jala jalaan miidhaa guddaa fida jedhu ogeeyyiin.
Rakkinichi kan nama mudatu yeroo gabaabaa namni tokko dhibee Gifiraa irraa erga dandamatee booda jiran keessatti.
Falli jiru Gifiraan akka hin qabamne talaallii fudhachuu akka ta'e himu ogeeyyiin.
Warri Gifiraan qabamanis yoo ta'an talaallii yeroo daa'imummaa irra deebiin fudhachuu akka qaban gorsu.