Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Chaayinaa Beejingitti weerarri Covid-19 marroo lammaffaa dhufinnaa sodaatamaa jira
Maagaalaa guddoo Chaayinaa Beejiingii keessatti lafa gabaa baayyee beekamaa tokkotti namoonni koronaavaayirasiin irratti argamuun weerarri Covid-19 marroo lamaffaaf deebii'uu mala sodaa jedhu uumeera.
Taateen kunis erga magaalattii keessatti namni dhumaa vaayirasichi irratti argamee guyyoota 50 booda kan ta'eedha.
Weerarri kunis lafa gabaa gurgurtaa jumlaa Zhunfaadii jedhamuutti argamuudha.
Haaluma kanaanis namoota 517 lafa gabaa kanarraa qorataman keessaa namoota 45 irratti Covid-19 argamuu, qondaalli bulchiinsa aanichaa beeksiiseera.
Haata'u malee, namoota kanneen keessaa tokkoyyuu miirri dhukkubbii irratti hin mullannee.
Kanarraa ka'unis, bakkawwan lafa gabaa kanatti dhiyoo argaman 11 keessatti uggurri kan labsame yoo ta'u, hojjattoonni gabaa kanaa kuma 10 ta'an qoratamuuf jedhameera.
Aaanga'oonni nama lafa gabaa sana waliin dhiheenyatti tuttuqqaa qaban kamiiyyu, akkasumas namoota aanaalee naannicha keessa jiraatan hunda qorachuuf akka jiran himaniiru.
Kunis erga guyyoota 50 darbanii asitti taatee vaayirasii haaraadha jedhameera.
Waa'ee taatee vaayirasiichaa haaraa maal beekna?
Lafti gabaa Zhunfaadii kan kibba-Lixa Aanaa Feengtaatti argamu kan cufame guyyaa Sanbataa ganama keessa ture. Kunis erga namoonni dhiheenya kana gabaa sana erga dhaqanii booda Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa'een booda ture.
Isaan boodas qorannoo lafa gabaa kanaatti taasifameen namoonni 45 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'e.
"Nageenya hawaasa ballaatiif jechaafi fayyinaaf dursa kennuuf, lafa gabaa Zhunfaadiifi naannoo ishee irratti tarkaanfii uggurraa keenyee jirra,'' jechuun ture qondaalli aanichaa Chuu Junwee isan kennanniin.
Aanichis amma, ''haala yeroo muddamaa tibba waraanaa keessatti argama,'' jedhaniiru.
Miseensoonni poolisii dhibbaatamaan lakkaa'amanis uggura kaa'amee hojiirra olchuu eegalaniiru. Sararriiwwan geejjibaafi manneen barnootaas cufamaniiru.
Beejiingi keessatti sochiilee ispoortii taasiisuuf mirgi kan mulqame yoo ta'u, dhaabbileen ummataa hedduunis deebiifamanii cufamaniiru.
Weerarri koronaavaayirasii dambaliin lammaffaan magaalaa guddittii kana keessatti deebii'ee ka'u danda'a sodaan jedhu umameera.
Weerarri koronaavaayirasii Chaayinaa erga Magaalaa Wuhaan keessatti argameen boodas, tarkaanfii ugguraa isa addunyaarratti cimaa jedhameen to'atamee ture.
Namoota addunyaarratti sababii Covid-19 lubbunsaanii badee 426,000 keessaa Chaayinaan lammiileeshee 4,600 dhabdee jirti, akka ragaana Yunvarsitii Joon Hopkins mullisuutti.
Qondaaltoonni Chaayinaas lafti gabaa guddichi kan kuduraafi foon %80 dhiyeessu kun madda weerara koronaavaayirasii ta'uu akka danda'e hin mirkanneeffanne.
Baatii dhihoo keessa ammoo tarsiimoon mootummaa Chaayinaa magaalaa koronaavaayirasiin keessatti argame kamuu gutummaatti adda baasuudha.
Kunis bu'aa argamsiisaa kan ture yoo ta'u, wayita vaayirasichi kan to'atame fakkaataa jiru kanatti guutuu Beejiinji ugguruun garuu waan hariitiidhaan raawwachuu barbaadan hin fakkaatu.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras