Koronaavaayiras: Mallattoo Covid-19 warri hin qabne dabarsuun isaanii hagas mara 'hin beekamu' -WHO jedhe WHOn

Hammi kanneen mallattoo Koronaavaayirasii hin qabne namoota kaanitti vaayirasicha dabarsuu danda'anii ammallee ''hin beekamu'' jechuun saayintistiin Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ifa godhani.

Dr Maariyaa Van Kerkhoove gaafa Wiixataa akka ibsanitti namoonni mallattoo hin agarsiifne carraan namoota kaanitti dabarsu isaanii ''baay'ee xiqqaadha.''

Garuu, hubannoon kuni qorannoo muraasa irratti hundaa'ee akka ta'e jala muranii ibsaniiru.

Ragaaleen akka agarsiisanitti kanneen sirriitti kaanitti dabarsan namoota mallattoo dhukkubichaa agarsiisaanidha. Garuu, mallattoo malees darbuu danda'a.

Namoonni hammi tokko mallattoo osoo hin agarsiisin qoratamanii vaayirasichi irratti argamus, kanneen keessaa hammam kan ta'an kaanitti dabarsu kan jedhu hin beekamu.

Dr Van Kerkhoove akka jedhanitti ragaan isaan ibsan biyyoota 'namoota xuxxuqqaa qaban sirriitti hordofan' irraa kan argamedha.

Biyyoota kana keessatti namoota mallattoo hin agarsiifne waliin namoota walitti dhufan faana dhahanis nama lammataa vaayirasichaan qabame argachuun ''baay'ee rakkisaadha'' jedhaniiru.

Garuu, kuni akka idil-addunyaatti dhugaa ta'un isaa 'waan bira gahame murtaa'e miti' jedhaniiru.

Eppidemolojistii kan ta'an Pirofeesar Liyaam Simiiz ibsa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kanaan akka ''dinqiisiifamatan'' ibsaniiru.

Garuu, daataa dhaabbatichi irratti hundaa'e akka hin barre ibsan.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Daarektarri Sagantaa Fayyaa Atattamaa kan ta'an Dr Mikaa'el Riyaan namoonni mallattoo malee akka vaayirasicha dabarsan ''akka amanan'' himu.

Garuu, ''gaaffiin hangam kan jedhu dha'' jedhu.

Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti (WHO) hoggantuun dhukkuboota haaraa dhalatanii kan ta'an Dr Vaan Kerkoove garaa garummaa garee sadii gidduu jiru ibsaniiru:

  • Namoota mallattoo hin agarsiifne
  • Namoota mallattoo osoo hin agarsiisin qoratamanii pozatiiva ta'an - garuu boodarra mallattoo mul'isan
  • Namoota mallattoo malee yookiin malattoo kana dura hin baramne agarsiisan akkasumas vaayirasicha qabaachuu isaanii hin beekne

Lakkoofsa namoota xiqqoo qoratamaniin murtee dhumaarra gahuun rakkiseera jechuun dubbataniiru.

Bakkeewwan qorannoon taasifametti namoonni mallattoo hin qabne yookiin hin agarsiisne gaheen isaan kaanitti dabarsan baay'ee xiqqaadha jechuun himaniiru.

Bu'aa qorannoo kanarraa argamees xumura torban darbe qajeelfama haaraa dhaabbatichi itti fayyadama maaskii irratti baasef bu'uura ta'eera.

''Ragaan gabaasa biyyootaa namoota xuxxuqqaa qoratanii akka akeekutti hammi namoonni vaayirasicha qaban garuu mallattoo hin qabne vaayirasicha kaanitti dabarsan kan mallattoo qabaniin yeroo walbira qabamu baay'ee xiqqaadha.''

Ingilaanditti Waajjirri Istaatiksii Biyyaalessaa (ONS) saamuda fudhachaa ummata ni qorata.

Argannoon isaas, namoota hanga yoonaa qorannoon pozatiiva ta'an keessaa yeroo qorannoon taasifame yookiin isa duras ta'e booda kanneen ''mallattoo akka qaban'' himan dhibbantaa 29 qofaadha.

Kanneen mallatto qabanitu 'caalaatti dabarsa'

Qorannoon xuxxuqqaa namoota vaayirasii qaban akka agarsiisutti namoonni mallattoo vaayirasichaa hin qabne kaanitti ''carraan dabarsuu isaanii xiqqaadha.''

Garuu, tatamsa'inni osoo mallattoon hin mul'atin dura yookiin gaafa yeroo duraaf mallattoon mul'ate kaanitti tamsa'u danda'a jedhu Yunivarsiitii Kaambirijitti gorsaan dhukkuboota daddarboo Pirofeesar Baabaak Jaavid.

Haala amma jirun namoonni mallattoo hin qabne kaanitti dabarsuu danda'anis, ammallee kan mallattoo agarsiisan kaan caalaa dhukkubicha dabarsu.

Namni tokko qoratamee pozatiiva ta'e yookiin vaayirasichi irratti argame kan jedhu qofti hamma vaayirasii qaama keessa jiru hin agarsiisu jedhu ogeeyyiin.

Namni vaayirasichaan qabame qufa'u yookiin haxxiffachuu akkasumas walitti dhufeenya namoota kaan waliin qabutu hamma kaanitti dabarsu isaa/ishee murteessa.

Dr Vaan Kerkhoove akka jedhanitti koronaavaayirasiin ''dhangala'aa xixiqqoo vaayirasichaan faalameen waan daddarbuuf'' yeroo namoonni haxxiffatan yookiiin qufa'anidha caalaatti kaanitti kan darbu.